Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaa Keessatti Waajirri Mirga Namoomaa ka Tokkummaa Mootummootaa Cufamuun Mormii Hordoofsisee Jira


Hojjataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii baqattoota Koongoo bidiruudhaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa baqatan yeroo haasofsiisan, Kiyaangwali, Ugaandaa, Sadaasa 19, 2018
Hojjataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii baqattoota Koongoo bidiruudhaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa baqatan yeroo haasofsiisan, Kiyaangwali, Ugaandaa, Sadaasa 19, 2018

Roogeeyyii fi mormitoonni Uugaandaa keessaa, murtee mootummaan waajjira mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummoota biyyattii keessa jiru cufuuf murteesseen gadda itti dhaga’amee ibsaa jiru.

Xalayaan ministeera haajaa alaa Uugaandaa irraa torban kana miliqee ba’e akka jedhutti, mootummaan mirga namoomaa kabachiisuuf dandeettii waan qabuuf jecha, waajjirri Tokkummaa Mootummootaa kun kana booda hin barbaachisu jedhe.

Falmitoonni mirgaa kan biyyattii garu kana cimsanii morman.

Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa kan Tokkummaaa Mootummootaa ehamnii isaa waggaa sadii dura yeroo dhumaaf haaromfamee booda Kamiisa kaleessaa jechuun Fulbaana 9 kaasee aangoon isaa haqamee jira.

Falmitoonni mirga namoomaa akka jedhanitti, mootummaan Uugaandaa yeroo haaromsi aangoo dhufu mara tapha wal dhokochuu taphachaa ture.

Mootummaan xalayaa Guraandhala 3 barreesseen, nageenyi guutuu biyyattii keessatti babal’atee, dhaabbilee mirga namoomaa biyyoolessaa ciccimoo fi waldaa siivikii socho’aan, dandeettii mirga namoomaa hordofuu, guddisuu fi eegumsa Uugaandaa qabu waliin walqabatee, Uugaandaa keessatti ehamnii isaa akka hin haaromsine ibsee jira.

Dhaabbata kan mootummaa hin taanee (NGO) Uugaandaa keessaa Faawuundeeshin of Hiyumaan Raayiit Insheetiiv jedhamuuf Daarektarri kan ta’an Livingstone Sewanyana, cufamuun kun kan nama ajaa’ibu ta’us, akka qaama adeemsa guddaa ta’etti ilaala.

Haa ta’u malee waggoota lamaan darbaniif hawaasni siivikii Uugaandaa laafaa akka dhufe quba qabna. Iddoon hawaasa siviliif kennamu xiqqaachaa dhufeera. Kana malees, dandeettiin komishinii mirga namoomaa Uugaandaa guddachaa akka tures ni beekna jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG