Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konyaalee Afaar Tokko Tokko ABUT Bulchaa Waan Jiruuf Sodaatu Jira: Angawaa 


FAAYILII- Miseensa milishaa Afaar magaalaa Kasagitaatti mana yeroo waraanaa barbadaa'e bira darbaa jiru, naannoo Affaar, tokko, Bitootessa 25, 2022.
FAAYILII- Miseensa milishaa Afaar magaalaa Kasagitaatti mana yeroo waraanaa barbadaa'e bira darbaa jiru, naannoo Affaar, tokko, Bitootessa 25, 2022.

Bulchiinsa naannoo Afaar Konyaalee tokko tokko kan keessatti, sodaan waan itti fufee jiruuf jecha, buqqaatonni kuma 40 caalan gara naannoo sanaatti kan hin deebinee ta’u dhaabbanni Mirga Namoomaa Afaar beeksisee jira.

Dhaabata mirga namoomaa kanaaf dura ta’aa kan ta’an Geas Ahmed RSAf akka ibsanti, konyaalees shan amma iyyu to'annaa humnoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) jala jiru.

Obbo Geas akka jedhanitti gargaarsi nyaataa gahaa ta'uu dhabuu fi iddoo tokko tokko keessatti immo hin jiru jedhan.

Buqqaatonni gama isaaniitiin RSAf akka himanitti, dubartoonni lama torbee darbe sababa wal’aansa fayyaa dhabuun du’aniiru.

Akka dhaabnii gargaarsaa kanTokkummaa Mootummootaa (OCHA) n jedhutti, naannolee hangii tokko kan Berhale, Dalol fi Koneba keessatti sababa nageenya dhabuu fi rakkoo daandiin jalqaba baatii Amajjii dabree irraa eegalee dhaqqabamaa ituu hin ta’iin hafan jechu isaa Masfiin Arraagee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG