Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee Akka Hin Seenne Dhorkamne: Imaltoota


FAAYILII -Magaala Baahir Daar, naannoo Amaaraa
FAAYILII -Magaala Baahir Daar, naannoo Amaaraa

Imaltoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa ka’anii gara Finfinneetti imalaa turan, Finfinnee akka hin seenne dhorkamne jechuun komee dubbatan.

Imaltoonni kun RSAf akka ibsanti, kan daangaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa irra jirtu Gohaa Tsiyoon yeroo ga’an kanneen Yunifoormii humna addaa Oromiyaa uffatan akka deebiinu taasiisan jedhan

Guraandhala 2 fi 3 bara 2015 imaltoonni waraqaa eenyummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa qaban adda baasuun deebisaa akka turanfi Jimaata dabree kaasee garu, imaltonni hundumtuu dhorkamuu dubbatan.

Yeroo ammaa imaltoonni hedduun magaalaa Dajan keessatti rakkataa akka jiran ibsan.

Dhimma kana irratti deebii mootummaa Feedeeraalaa argachuuf yaaliin taasiifne hin milkoofne. Garu waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa kan Oromiyaaf itti aanaa itti gaafatamaa kan ta’an Kolooneel Abbabaa Garasuu karaan cufamee hin jiru jechuun deebii gabaabaa eega kennanii booda bilbiila cufuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG