Somaaliyaa geddu-galaa keessatti haleellaa haaraa qilleensa irraa gaggeeffameen, hidhattoonni al-Shabab 12 ajjeefamuu waraanni Yunaayitid Isteets Dilbata kaleessaa gabaasee jira.
Waaltaan ajaja waraanaa Amerikaan Afrikaa keessaa qabdu (AFRICOM) jedhamuun beekamu ibsa baaseen, haleellaan of ittisuu waloonGuraandhala 10 gaggeeffame kun, gaaffii Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa biraa dhiyaateen raawwatame jedheera.
Haleellaan kun kan gaggeeffame naannoo baadiyyaa fagoo magaalaa buufata doonii Galaana Hindii Hoobiyoo irraa gara kibba dhihaatti tilmaamaan kiiloo meetira 45 fagaatee argama. Iddoon kun, Moqaadishoo irraa gara kaaba bahaatti gara kiiloo meetira 472 fagaatee akka argamu ibsichi ni mul’isa.
Afriikoom bakka itti haleeellaan kun gaggeeffame adda baasee hin ibsine.Miidiyaaleen mootummaa Somaaliyaa garu, Kutaa Galmudug naannoo magaalaa Amaraa jedhamtu cina,Donlaaye keessatti akka raawwatame gabaasan. Mootummaan Somaaliyaa duula Jimaata darbe gaggeeffameen hidhattoonni 117 ajjeefamaniiru jedheera.
Ajajaan waraana lafoo waraana biyyoolessaa Somaaliyaa Birgaadeer Jeneraal Mohaammad Tahlil Bihii miidiyaa mootummaaf akka ibsanti, hidhattoonni kunneen boolla keessa humnoota mootummaa Somaaliyaa waliin lolaa jiru. Akkasumas humnoota Somaaliyaa waliin dhukaasa banameen haleellaan xiyyaaraa hidhattoota kana irratti qiyyqqfatee gaggeeffamuu mirkaneessanii jiran.
Afriikoom haleellaan kun bakka fagootti kan raawwatame ta’uu ibsuun, lammiileen nagaa akka hin miidhamnee fi hin dunee hubatee jira.
Waaltaan ajajaa Amerikaan Afrikaa keessaa qabdu kun, bu’aa hojii kanaa madaaluu itti fufa kan jedhe ibsii isaa, akka barbaachisummaa isaatti odeeffannoo dabalataa ni kenna, jedhee jira.
Haleellaan of irraa ittisuu waloo kanwaraanni Amerikaa bara kana Somaaliyaa keessatti raawwate inni ammaa kun isa sadaffaadha.
Forum