Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkobsii Namoota Tarkii Keessatti Balaa Sochii Lafaan Dhumanii Dabalaa Jia


Hojjattoonni baraarsaa Turkii Kaazaakistaan ​​fi Turkii irraa dhufan kirkira lafaa kibba Turkii Kahramanmaras keessatti mudateen sa’aatii 180 booda gamoo jige keessaa nama baasan, Guraandhala 13, 2023.
Hojjattoonni baraarsaa Turkii Kaazaakistaan ​​fi Turkii irraa dhufan kirkira lafaa kibba Turkii Kahramanmaras keessatti mudateen sa’aatii 180 booda gamoo jige keessaa nama baasan, Guraandhala 13, 2023.

Tarkii Kibbaa keessatti balaan sochii lafaa cimaan walduraa duubaan erga mudatee torban tokkoo ol booda, baraarsitoonni Wiixata har’a, dubartii tokko caccabaa gamoo keessaa baasanii jiru.

Dubartii lubbuun jirtu kan umriin 40 kun, kutaa Gaziantep magaalaa Islahiye keessatti baraaramuun kun, yeroo ogeeyyiin gamoo jige keessaa namoota dabalataa lubbuun jiran argachuuf carraan jiru cufamuu akeekkachiisaa jiranti ture.

Angawoonni Turkiyaa balaa sochii lafaa guddaa naannoo Gaaziantep giddu galeessa mudatee kanaan yoo xiqqaate namoonni 29,605 du’uu gabaasan.

Wiixata har’a waajirri gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa akka jedhutti, daangaa ce’ee Siriyaa gama kaabaa keessatti, lakkoofsi namoota du’anii 4,300 ol yoo ta’u, kanneen biroo 7,600 ammoo madaa’aniiru.

Erga balaan sochii lafaa kun Guraandhala 6 ganama barii mudatee booda, gareewwan barbaachaafi baraarsaa kan addunyaa akkasumas gargaarsi yaalaa fi kanneen biroo Turkiyaatti yaa’aa jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG