Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyoonni Seenaa Oduuwwan Kijibaa Seenaa Ameerikaa Keessaa Morman


Hayyoonni Seenaa Oduuwwan Kijibaa Seenaa Ameerikaa Keessaa Morman
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Seenaan dhugaa irratti hin hundoofnee fi Ameerikaa keessatti dubbatamu akka waan dhugaa ta’eetti ennaa inni dubbatamu barreeffamee jira. Seenaan akkasii dhugaa jiru haguugee ennaa inni dhiibbaa fidu hayyoonni seenaa barreeffamoota adda addaa dhiyeessaniiru.

Qabsoo mirga namaa kan Maartiin Luuter Kiing hooggananii qabee hanga mormii “black lives matter” jedhamu geggeessametti, seenaan akka dabuuf kanneen safuutti cichaniin waa hedduun ta’uu isaa hayyoonni seenaa barreessaniiru. Garuu seenaan dhugaa yoom iyyuu ifatti ba’uu akka hin oolle ibsanii jiran.

Dooraa Mekowaar akka gabaastetti, seenessi qabatamaa hin ta’in tokko tokko hanga hundeeffama biyyattiitti deemu. Akkuma isa yeroo ijoollummaa jechuun ennaa umuriin isaanii waggaa ja’a ture pirezidaantiin Ameerikaa jalqabaa, Joorji Waashingitan, soba dubbachuu waan hin dandeenyeef, waa’ee muka cheerii jedamuu kan abbaa isaanii muruuf qottoo fudhatanii booda irra dhugaa dubbachuuf dirqama itti ta’ee abbaa isaan-tti dhugaa jiru himan jedhame kanneen keessaa tokko.

Sobni mul’ataa ta’ee fi akka waan gaarii ta’etti himame hedduu dha jedhu Yunivarsiitii Prinsistenitti piroofeesara seenaa kan ta’an Keevin Kiruus.

Kiruus akka jedhanitti, miidhaan dhugaa kan dhufu, soba ykn seenessi qabatamaa hin ta’in, imaammata mootummaa Yunaayitid Isteetis irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’e qofa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG