Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Biyyi Isaanii Wal-dhibdee Itiyoophiyaa Keessaa Furuu Gargaaruu Itti Fufti Jedhan


FAAYILII - Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa Ned Piraayis
FAAYILII - Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa Ned Piraayis

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Piraayis dhimma haala waldaa Orotodoksii ilaalchisee ejjennoo mootummaa isaanii tuuta oduu biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiru.

Waldaa Kiristaanaa Orotodoksii Itiyoophiya keessatti wal-dhibdee uumame ilaalchisee mootummaan isaanii ejjennoo akkamii akka qabu kan gaafataman Ned Praayis deemsa wal waraansa biyyattii dhaabuuf walii-galtee tolfame daran cimsuuf hojjetaa jira. Garuu daran sabatiinsaa fi uummata Itiyoophiyaaf nageenya sadarkaa ol aanaa akka jiraatu gochuufis tattaafanna jedhan.

Nuti michoota uummata Itiyoophiyaa ti. Nuti michoota mootummaa Itiyoophiyaa ti kan jedhan Ned Piraayis, hawaasa biyyattii keessaa dhimmi ilaallatu mara waliin hojjennee jirra jedhan. Nuti dhimma Tigraay ilaalchisee milkaa’ina argame qofaa utuu hin taane gabaasaalee waa’ee tasgabbii kutaalee biyyattii ka biroo ilaalchisee jiru irratti illee ni fuuleffanna jedhan. Fakkeenyaaf dhimma Oromiyaa dubbannee jirra. Dhimma ka biroo kaasuunis ni danda’ama. Nuti Mootummaa Itiyoophiyaa fi uummata ishee waliin michuu ta’uu barbaanna. Sanas deggeruuf waan dandeenye mara goona jedhan.

Nutii if michoonni keenya Gamtaa Afriikaa fi guutummaa ardittii keessaa tattaaffii diplomaasummaa taasisneen jalqaba baatii Sadaasa waggaa darbee waraansi akka dhaabatuuf walii galteen irra ga’amee jira. Hookkarri jiru xiqqaachuu isaa arginee jirra. Humnoonni Eertraas Itiyoophiyaa gad dhiisanii deemuu quba qabna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG