Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Uummattoota Kibbaa Godina Oomoo Keessatti Uummanni Kuma Hedduutti Lakaa’amu Beelaaf Saaxilamuun Gabaasame 


FAAYILIi Naannoo Somaalee bakkawwan ongeedhaaf saaxilaman keessaa
FAAYILIi Naannoo Somaalee bakkawwan ongeedhaaf saaxilaman keessaa

Naannoo kibba Itiyoophiyaa keessaa waggoota afur walitti aananiif hongee mudateen keessumaa godinai Oomoo kibbaa keessaa lammiiwwan kuma dhibbaan laka’aman beelaaf saaxilamuu isaanii fi deggersi namoomaa ga’aan kan hin godhamneef ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Naannoo sabaa fi sablammoota kibbaa keessa kan jiru zoonii Oomoo Daassenech, Mursii, Booddii, Baacaa fi horsiisee bultoonni aanaalee ka biroo keessa jiran hongee hamaan mudachuu isaa ibsa Raadiyoo sagalee Ameerikaaf kennaniin eeksisaniiru. Bishaan dhugnuu fi midhaan nyaannu hin qabnu kan jedhan jiraattonni kun sababaa hongee kanaan namoonni miidhamuu isaa dubbatanii gargaarsa namoomaa ga’aan illee kan isaan hin dhaqqabne ta’uu dubbataniiru.

Sababaa hongee kanaan wal qabatee dhukkubi mudateen daa’imman lakkoobsi isaanii sirriitti hin beekamne du’uu illee jiraattonni kun ibsaniiru. Qajeelfamni qonnaa godinichaa illee lammiiwwan 337 ol ta’an gargaarsa nyaataa kan hatattamaa kan isaan barbaachisu ta’uu ibsee jira.

Hospitaalli Jiinkaa gama isaan ji’a ji’aan daa’imman 40 ol mana yaalaa sana keessatti wal’aansa fayyaa argataa jiraachu isaanii fi kan du’an illee jiraachuu VOAf ibsee jira.

Komiishinerri komiishina bulchiinsa soda balaa naannoo kibbaa Gaantaa Gam’aa naannoo gammoojii naannichaa keessatti hanqinni roobaa hamaan waan mudateef midhaan irra miidhaa guddaan ga’uu ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Naannoo sanaa lammiiwwan miliyoonni 3.4 deggersi nyaataa kan isaan barbaachisu yoo ta’uu, kana keessaa lammiiwwan miliyoonni 2.4 deggersi hatattamaa kan isaan barbaachisu ta’uu angawoota naannoo maqaa dha’uun kana dura gaaasuusn keenya ni yaadatama jechu dhaan Yoonaattan zebdiwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG