Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa Akka Prezidaantiin Zimbaabwee Seera Waltajjii Hawaasaa Dhiphisu Hin Raggaasisne Gaafatan  


Waajira Filannoo Zimbaabwee, 2023
Waajira Filannoo Zimbaabwee, 2023

Prezidaantiin Zimbaabwee wixinee labsii mirga lammiiwwanii fi mirga walabummaan wal ga’uu akkaan daangessu akka haqan hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa gaafataniiru. Sirni to’annoo Labsii Fooyya’iinsa Dhaabbilee Tola Ooltummaa Dhuunfaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii kun waajjiri haaraan dhaabolii kana galmeessuuf baname, qaama ol aanaa biraa utuu hin qulqulleeffamin hojii akka hojjetuuf aangoo cimaan kennamuufii isaa irratti hayyoonni kun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Senetiin biyyattii seera kana kan dabarse Guraandhala 1 bara 2023 yoo ta’u, seerri sun yeroo ammaa hojii irra akka ooluuf prezidaantii Zimbaabweef dhiyaatee jira.

Waajjira itti galmaa’an kun dabalataan galmeeffamuu dhaaboolii kanaa eeyamuu fi diduuf aangoo qabu. Ulaagaan murtiilee kanaa deebiin murtoo tokko iyyuu utuu hin jiraatin dhaabolii seeraan hojjetan kan seeraan alaa sosso’an gochuu danda’a jedhan hayyoonni kun. Waajjirichi hojii dhaabolii dhuunfaa jidduu seenuu fi hordofuuf aangoo ol aanaa qabu jedhu hayyoonni.

Dhaaboliin kun hidhata siyaasaa kamiinuu akka hin qabaanne dhorkuu fi eeyamaan ala deggersa maallaqaa akka hin arganne ugguruu seera kanaa ilaalchisee illee yaaddoo isaanii kan ibsan hayyoonni kun wixinee kana keessa seerawwan jiran iftoominni kan itti hanqate ta’uu isaa hayyoonni tokkummaa mootummootaa yaaddoo qaban ibsaniiru.

Wixinee sana irra seeraawwan jiran gochi ni cabsa jedhame yakkaan adabsiisuu kan danda’uu fi adaba guddaa qabee hanga adaba hidhaa kan hordofsiisu ta’uu illee akeekkachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG