Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Mishigan Keessatti Dhukaasa Banameen Yoo Xiqqaate Namoonni 3 Ajjefaman 


Barattoota Yuniversitii Michigaan haleellaa raawwatameen booda, Guraandhala 14, 2023
Barattoota Yuniversitii Michigaan haleellaa raawwatameen booda, Guraandhala 14, 2023

Kutaa Yunaayitid Isteetis Michigaan keessatti kan argamu Yuniversitii Michigaan keessatti namni qawwee hidhate tokko ol seenuu dhaan lubbuu namaa galaafatee kaanis madeessuun isaa gabaasamee jira. Namni qawwee hidhate kun eenyummaan isaa adda baafamuuf qoratamaa utuu jiruu ofitti dhukaasuun of galaafachuu isaa poolisiin mooraa sanaa beeksisee jira.

Magaalaa guddoo kutaa sanaa Ditirooyit irraa gama dhiyaatti kan argamu Yuniversitiin guddichi kun barattoota 50,000 qaba. Yeroo ammaa hawaasa mooraa sanaa fi hawaasa naannoof eegumsi taasisamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.

Dhukaasa walitti aansuun Yuniversitii Mishigaan keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni sadii yoo du’an shan immoo madaa’aniiru.

Itti aanaa hoogganaan poolisii mooraa Yuniversitichaa Kiriis Roozmaan tuuta oduuf ibsa kennaniin kanneen miidhaan irra ga’e martinuu gara hospitaala naannootti geessamaniiru, kaan isaanii balaan madaa’uu lubbuuf sodaachisu irra ga’eera jedhan.

Roozmaan akka jedhanitti shakkamaan akka halellaa sanaan hidhata qaba jedhamuun adda baafame har’a ganama qorannaan irratti geggeessamaa ture

Haleellaa kanaaf kaka’umsi jiraachuu isaa ilaalchisee odeeffannoon hin jiru,

Yuniversitihis haleellaa sana dura doorsisi isa dhaqqabe hin jiru.

Kan nuti galgala kana argine dhugumatti kan nama rifaasisu, garuu nageenya mooraa keenyaa, barattoota keenyaa fi hawaasa naannoo keenyaa irratti fuuleffannee turre jedhan Roozmaan.

Dhukaasi sun kan jalqabame bakka angawoonni namoota miidhaan irra ga’e hedduu argan biilsa barnoota kan fuuleffate yoo ta’u, yeroo gabaabaa booda immoo dhukaasi itti dabalaa biilsa waldaa barattootaa irratti baname.

Yuniversitichi sa’aatilee 48f hojii dhaabee ture. Michigan State Yuniversitiin, Ditiryooyit Kaaba gama dhiyaa fageenya km 145 irra kan jiru mootaa Laansiing-tti argamu keessaa barattoota 50,0000 qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG