Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa’iin Idilee Gamtaa Afriikaa 42ffaan Finfinnee Keessatti Jalqabame


FAAYILII - Hoggantoota biyyoota Afrikaa yaa'ii 35ffaa irratti, Finfinnee, Guraandhala 2022
FAAYILII - Hoggantoota biyyoota Afrikaa yaa'ii 35ffaa irratti, Finfinnee, Guraandhala 2022

Wal ga’iin idilee 42ffaan kan mana maree hoji raawwachiiftuu gamtaa Afriikaa kan magaalaa Finfinneeti argamu waajjira haadhoo komiishina gamtaa Afriikaa-tti roobii har’aa jalqabamee jira.

Dura taa’aan komiishina Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaammat haasaa mana maree kanaaf dhageesisaniin ardittii bakka tokko tokkootti kan geggeessaman tattaaffiiwwan nageenyaa ba’ii isaan argamsiisan ibsaniiru.

Gamtaan Afriikaa adeemsa waggootii keessatti nageenyi ardittiif akka bu’uuf tattaaffii cimaa gochuu dhaan Itiyoophiyaa fi Sudaan gidduutti araarri akka bu’u ga’ee gama isaa ba’ee jira jedhameera.

Itti aanaa muummeen ministeera Itiyoophiyaa fi ministeerri dhimma alaa obbo Demmeqee Mekonnin gama isaaniin, biyyoota Afriikaa fi Dhaaboliin ardittii, kan gamtaa Afriikaan durfame adeemsa nageenya Itiyoophiyaa deggeruu isaaniif galateeffataniiru.

Itoophiyaan waltajjiiwwan biyyoota Afriikaa hedduu irraa deggarsa argatteef ni galateeffatti jedhan obbo Demmeqeen.

Yaa'iin Idilee 42ffaan kun wixinee ajandaa yaa'ichaa, wixinee murteewwanii, fi labsiiwwan yaada sirrii of keessaa qaban, kan hoggantoonni biyyootaa fi mootummootaa, Yaa'ii Idilee isaanii 36ffaa dhuma torbee kanaa mata duree “Bara Raawwiin Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa itti saffisu” jedhu irratti mari’achuuf jiru, jedhame

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG