Xurree ittiin seenan

Breaking News

Referendemiin Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa Keessatti Geggeessame Seera fi Sirana Eega Tahuun Himame  


FAAYILII - Rifirandamii naannoo Sidaamaa murteessuf qophaahe, Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Referendemiin naannoo uummattoota kibbaa keessaa akka duraan karoorfametti geggeessamuu isaa gamtaan hawaasa sivilii irraa walitti dhufe kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Naannoo Kibbaatti kan argaman godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan keessatti kan geggeessame murtiin uummataa akka seera filannoo fi qajeelfama biyyattiitti yeroo qabameefitti geggeessamuu isaa dhaabi gamtaa qindeessa filannoo hawaasa sivilii Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Dhaabi gamtichaa gabaasa isaa duraa kaleessa ifa taasiseen akka jedhetti, rakkoolee amanamummaa adeemsa sana mudate jiraachuu ibsee jira. Bara 2019 keessa kan hundeffame dhaabi gamtaa qindeessa filannoo kun gamtaa dhaabolii hawaasa sivilii 175 ol kan of keessaa qabuu fi kanneen fedha ofiin hojjetan lammiiwwan Itiyoophiyaa kumaan laka’aman ennaa filannoo fi referendemii geggeessameef bobbaasee jira jechuu dhaan Yoonaatan Zebdiwoos gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG