Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kirkira Lafaa Tarkii fi Siiriyaa Mudateen Lakkoobsi Namoota Du’anii 40,00 Ol Ta’uun Ibsame

Kirkira lafaa Tarkii fi Siiriyaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii walumaa gala gara 40,000 gahe.
Kirkira lafaa Tarkii fi Siiriyaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii walumaa gala gara 40,000 gahe.

Torban darbe jechuun guraandhala 6 bara 2023 kirkira lafaa Tarkii fi Siiriyaa mudateen lakkoobsi namoota du’anii walumaa gala gara 40,000-tti ol guddatee jira.

Pireezidaantiin Turkiyaa Recep Xayyib Eerdogaan Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, kirkira lafaa Fulbaana 6 naannoo magaalaa kibba bahaa Kahraman-maras mudatee lubbuun namoota 35,418 galaafate, seenaa Tarkii keessatti kirkira lafaa lubbuu namaa galaafate isa hamaa dha.

Kirkirri lafaa kun erga mudatee guyyoota saddeet booda illee, gareen baraarsaa hanga Kibxata kaleessaatti manneen caccaban jalaa kanneen lubbuun hafan barbaaduu itti fufaniiru. Kanneen keessaa dargaggeessi waggaa 18 Muhammed Kaafer Keetin fi obboleessis isaa waggaa 21 Kirikirri lafaa sun mudatee sa’aatilee 200 booda gamoo caccabe sana keessaa harkisamanii baafaman.

Lubbuu baraaruu ajaa’ibsiisaa ka biroon immoo magaalaa Antaakiyaa keessaa barsiisaan tokko gamoo caccabbe keessaa argamuu isaanii ti. Televiziyoonni Tarkii bakka hojiin baraarsaa itti fufee jiru irraa oduu tamsaasaa ture. Ogeessonni garuu yeroo dheeraa akkasii booda carraan namoota lubbuun arguu dhumataa jira jechuun akeekkachiisan.

Gama biraan biyya hollaa Siiriyaa keessaa namoonni 5,500 du’uu isaanii dhaaboliin gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa fi sabaa himaan mootummaa Siiriyaa mirkaneessaniiru. Naannoo To’annaa mootummaa jala jiran keessaa yoo xiqqaate namoonni 1,400 yoo du’an, kanneen biroon 4,400 immoo finciltoota Siiriyaan to’atamee kan niru kaaba gama dhiyaa keessaa du’uun gabaasamee jira.

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Gutereesh kirkira lafaa mudate kanaan miidhaa dhaqqabeef kan oolu deggersa doolaara miliyoona $397 akka kennamu gaafataniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG