Itiyoophiyaa gama kibbaa magaalaa Walqixxee keessatti roobii kaleessaa walitti bu’iinsa mormitootaa fi poolisii gidduutti uumameen namoonni sadii du’uu komiishinerri poolisii naannoo sanaa Alemaayyehu Maammoo VOAf ibsaniiru.
Hiriirtonni kumaan laka’aman hanqina bishaanii mormuu dhaan magaalaa Walqixxee keessatti hiriira mormii geggeessaniiru.
Gareewwan gurmaanan carraa kanatti fayyadamuu dhaan ajandaa naannoo hundeessuu jedhuu fi gochaalee walitti bu’iinsaa ka biroo tuttuqatan jechuu dhaan komiishinerichi poolisii kun beeksisaniiru.
Jiraattonni garuu xiinxala hoogganaa poolisii naannichaa irratti walii hin galan. Hiriiri kun hanga humnoonni nageenyaa gidduu seenanii dhukaasa bananitti karaa nagaa geggeessamaa kan ture ta’uu VOAtti himaniiru jechuu dhaan Yonaattan Zebidiwoos gabaaseera.
Forum