Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Godaantota Gaanfa Afriikaa Dabalaa Deemuun Yaaddessaa Ta’eera: Tokkummaa Mootummootaa 


FAAYILII - Godaantota Afrikaa imala gara Awrooppaa deeman turanii fi rakkoon doonii udatee bararaman. Suuraa eegdonni andhaara galaanaa Liibiyaa keessaa gadhiisan, Waxabajji 24, 2018.
FAAYILII - Godaantota Afrikaa imala gara Awrooppaa deeman turanii fi rakkoon doonii udatee bararaman. Suuraa eegdonni andhaara galaanaa Liibiyaa keessaa gadhiisan, Waxabajji 24, 2018.

Lakoobsi dubartoota gaanfa Afriikaa irraa karaa Yemen ba’uu dhaan gara biyyoota galoo galaanaatti godaananii akkaan dabaluu isaa fi yaaddessaa ta’uu hoogganaan jarmayaa godaantotaa addnyaa beeksisaniiru.

Imalli dogoggoraa Itiyoophiyaa, somaaliyaa fi Jabuutii irraa karaa yemen ba’uun geggeessamu daandii godaansaa gama bahaa jedhamee kan waamamu yoo ta’u, waggaa darbe qofaa jireenya wayyaawaa barbaaduuf namoonni karaa sana deeman dhibba irraa harka 64n dabalee jira. Jijjiiramni qilleensaa godaansa dabalaa dhufeef sababaa dha jechuu dhaan daayirikterri ol aanaan jarmayaa godaantotaa kan IOM antooniyoo Vitoriinoo Associated Press-f ibsaniiru.

Godaantonni abdii kutatan kun, daandii irratti yakkamtootaaf saaxilamoo waan ta’aniif, humnaan gudeeddii, hookkaraa fi namoonni seeraan ala nama deddeebisan miidhaa akka irraan hin geessisne eegumsatu isaan barbaachisa jedhan. Godaantota kana keessaa hangi tokko waraana Yemen keessaa dabalatee balaa jiru hin hubatan.Kanaaf jarmayaan godaantotaa kan tokkummaa mootummootaa dadammaqiinsa kana ilaalchisee jiru fooyyessuu qaba.

Ammas godaantota imala akkasii filataniif jaarmiyichi tajaajila fayyaa bu’uuraa kennuu dhaan yeroo tokko tokkos biyya irraa dhufanitti akka deebi’an gochuu qaba jechuu dhaan Bitooriinoo-n ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG