Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawaan Tokkummaa Mootummoota Lammiwwan Somaaliyaa Biyya Ofii Keessatti Buqqa’an Daawwachuuf Garasitti Imalan 


FAAYILII - Mooraa namoota qehee irraa buqahanii Bayidohaa keessa, Somaaliyaa, Waxabajj 15, 2022.
FAAYILII - Mooraa namoota qehee irraa buqahanii Bayidohaa keessa, Somaaliyaa, Waxabajj 15, 2022.

Lammiiwwan Somaaliya biyya ofiikeessatti qe’ee irraa buqa’an daawwachuuf jecha angawaan tokkummaa mootummootaa tokko gara Somaaliyaatti imalanii jiran. Kunis qaama mul’ata muummichi barreessaan kan tokkummaa mootummootaa rakkoo biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’uu haala gaariin furmaata itti kennuu fi ittisuuf qabanii galmaan ga’uu ti .

Furmaata dhimma namooa biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqa’aniif gorsaa ol aanaa Tokkummaa Mootummootaa kan ta’a Roobert Piipern daawwannaa isaanii jalqabaa Somaaliyaatti geggeessan har’a xumuran. kunis angawoota mootummaa olaanoo fi lammiilee Somaalee qe’ee ofii irraa buqqa’an waliin wal arguu kan dabalatu ture.

Namoota biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqa’an dhaggeeffachuu fi haala isaanii hubachuufan dhufe kan jdhan angawaan tokkummaa mootummootaa kun, akkasumas waahiloota keenya Tokkummaa mootummootaa fi michoota keenya kan akka gumii baqattootaa Noorwey irraa akkamitti qormaata kana keessatti isin deeggaraa akka jirru baruufan dhufe jechuu bakka qubsuma magaalaa Baidoa keessatti argamu ennaa daawwatan buqqaatotaaf himaniiru.

Kanneen biyya ofii keessa qe’ee irraa buqa’an waliin dubbachuun seenaa isaanii dhaggeeffachaa turre. Fooya’iinsa argame hanga tokko nama bakka isaanii bu’anii dubbatan irraa dhageenyee jirra. Hunda caalaa baay'een isaanii amma nageenyi isaanii amansiisaa ta’uun akka itti dhaga'amu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG