Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Barreessaan NATO Biyya Kirkira Lafaan Miidhaan Irra Ga’e Tarkii Daawwatan 


Ministira DHimma Alaa Turkii, Mevilawut Kavusogilu (Mirga) fi Muummicha Barreessaan NATO, Jeensi Stolenibergi, Guraandhala 16, 2023
Ministira DHimma Alaa Turkii, Mevilawut Kavusogilu (Mirga) fi Muummicha Barreessaan NATO, Jeensi Stolenibergi, Guraandhala 16, 2023

Muummichi barreessaan NATO Jens Istooltenberg kirkira lamaa kutaalee Tarkii fi Siriyaa mancaaseen booda Tarkii daawwachuuf kamisa har’aa Ankraa seenanii jiran. Ministrii dhimma alaa Tarkii Mevluut Cavusogluu waliin ta’uu dhaan Istooteln-berg tuuta oduuf ibsa kennaniin, ennaa ishee barbaachisutti gamtichi kan miseensa NATO taate Tarkii cina kan dhaabatu ta’uu dubbataniiru.

Tarkiin balaa uumame sanaaf deebii jalqabaa kennuuf cimina isheen agarsiiste ni ajaa’ibsiifanna, gadda keessan immoo ni hirmaanna jedhan Istooltenberg.

NATOn amma kan inni irratti fuulleffate, deebisanii ijaaruu fi kanneen kirirkira lafaa kanaan qe’ee ofii irraa buqa’an deebisanii ijaaruu irratti jedhan. Tattaaffii addaa isaan tuqan keessaa, qubsuma yeroofii hundeessuu fi dandeettii tarsiimoo kan NATO fayyadamuu dhaan dunkaana kumaatamaan laka’aman gara Tarkiitti fiduu dha jedhaniiru. Dhaabbbanni bulchiinsa balaa tasaa Tarkii kamisa darbe akka gabaasetti, lakkoofsi namoota biyyattii keessaa du’anii 36,187 yoo ta’u kanneen 108,000 ta’an immoo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG