Magaalaa daangaa mootummaa Somaaliyaa fi Somaalilaand irratti argamtu keessatti waliti bu’insaa umameen namoonni kuma 100 fi kuma 85 qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an dhaabata mootumoota gamtoomaniitti waajjirri dhimma qindeessa gargaarsa namoomaa OCHAn ibsuu isaa maddii oduu Ajaans Fraans Prees gabaaseera.
Tokummaa mootumootatti dhaabbanni deebii yeroo muddamaa jimaataa har’aa ibsa baaseen, hokkorri waldhabiinsaa siyaasaa irraa maddee kun kan jalqabamee torban darbee keessaa yemmuu ta’u, waltti buinsichii kan taasifames, Milishoota mootummaa Somaaliya degeranuu fi umnoottan mootummaa Somaalilaand gidduutti magaalaa Laas Anood jedhamuu keessatti.
Walitii bu’insichii kan umamme erga jaarsoliin biyyaa, umnoottan Somaalilaand magaalichiaa gadi lakkisanii akka bahanuufi mootummaa feederaalaa Somaliyaa wajjin jiraachuu akka barbaadan ibsanii booda akka ta’e gabaasameera.
Hoggantoonni Mootummaa adduunyaa irratti beekumsa hin argannee kan Somaalilaand guraandhala 10 bara 2023 labisii lola dhaabuu baasanii turanus, Dilbata darbee immoo mootummaan Somalliyaa Lola nurraatti baneeraa jechuudhaan erga ibsa baasanii boodaa wal waraansii itti fufuun isaa ibsameera.
Muummeen ministriraa Mootummaa Somaliyaa Haamzaa Abdii Baare tarkaanfii dhukaasa dhaabuu simatanii, gargaarsii namoomaa attattamaan akka taasifamuu gaafachuu isaanii fi namoottan kumaan lakkawaman buqqa’uu isaanii akka ibsani AFP gabaaseera.
Karaa biraatiin, Waltti bu’iinsa kana baqachuudhaan namoonni kuma 60 ta’an, caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollewwan daangaa Itiyoophiyaa ce’uudhaan garaa bulchiinsaa naannoo Somali seenaa jiraachuu isaanii dhaabbata mootumoota gamtomaniitti jarmiyaan dhimmaa godaantotaa UNHCR ibsuun isaa beekameera.
Forum