Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan kibbaa Chaayinaa fi Raashaa wajjin Shaakala Waraanaa Taasisuf Jirti


Russian Warship Drills with South African, Chinese Navies Amid Criticism
Russian Warship Drills with South African, Chinese Navies Amid Criticism

Biyyi Afrikaa kibbaa , Chaayinaa fi Raashaa wajjin shaakala waraanaa kan humna galaanaa waloodhaan taasisuudhaaf yemuu jirtu kannatti dhimmichi walitti dhufeenya Afrikaan kibbaa biyyoottan lixaa Wajjin qabdu irratti dhiibaa umuu akka danda’u ibsamuu isaa maddii oduu Rooyiters gabaasee jira.

Yeroon Shaakaliin waraanaa kan umnna galaanaa “Moosi 2ffaa” jedhamee moggafame, guyyoottan kudhaniif taasisuudhaaf deeeman, Guraandhala 24 guyyaa Raashaan Yuukreeniin weerarten kan walsimatedha.

Dura taa’aan paartii mormitootaa Gamtaa dimokiraatawaa Afrikaa kibbaa Koobus Maarayiis ejjannoon mootummaa prezidaant Siyiriil Raamaafoozaa, wareen michooma daldalaa Afrikaa kibbaa wajjin qabaniif arrabsoo akka ta’e ibsuun isaanii gabaasameera.

Institiyuuti dhimma waltdhufeenya Afrikaa kibbaa keessatti ogeessa kan ta’an Steeven Gruuz, gama isaaniitiin Afrikaan kibbaa Yoo shaakallii kana irratti hirmaatee waan hedduu akka dhabduu himanii, mootummaa Afrikaa kibbaa rakkinaa dhimmichii fuulaa duraatti fidu waan hubatee hin fakkatu jechuun isaanii ibsameera.

Afrikaa kibbaatti Ambaasadara Yuukreen kan ta’an Li’uboov Abraavitoovaa,“Afrikaan kibbaa biyyaa yuukreeniin baleesuudhaaf weerara raawwatee Raashaa wajjin Shaakallii waraanaa taasisuun waan yaaddesaadhaa” jechuudhaan VOAti himuun isaanii beekameera.

Ministirri ittisa biyyaa kan Afrikaa kibbaa ji’a darbe ibsa baaseen, “Afrikaan kibbaa biyyaa walabaa taate waan ta’eef akkumaa biyyoottan kamiiyyuu fedhii biyyaalessaa irraatii garee kamiinuu wajjin hariiroo kamiinuu umachuudhaaf mirga qabdii” jechuu isaanii gabaasinii Rooyiters Eereera.

Dhimma kana irratii akka ibsa kennuu VOAn kan gaafatee ministerri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets deebii emeeliidhaan kenneen, dhimmichaa irraatti yaaddoo qaban mootummaa Afrikaa kibbaatif ibsuu isaa beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG