Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Balaa kirkira Lafaa Tarkii irraa Lubbun Hafan Ammas Argamaa Jiru


Turkey Syria Earthquake
Turkey Syria Earthquake

Balaan kirkira lafaa ergaa Tarkii fi Siiriyaa muudatee guyyaa kudhaan boodaa hojjatoonni baraarsaa namoottan lamma magaalaa kibbaa Tarkii Haatay keessaatti caccabaa gamoo jalaa lubuudhaan baraaruun isaanii beekameera. Tajaajilli Poolisii Tarkii karaa miidiyaa hawaasatin jimaataa Har’aa ibsaa base irraa akka hubatametti, lubuu baraartonni yemmuu gamoo jijigee qulquleesaa jiranitti namoottan lubuun jiran lamma argamaniiru.

Dhaabbanii bulchiinsaa gargaarsa attatamaa Tarkii akka jedhetti, erga kirkirri lafaa inni guddaan Guraandhala 6 bara 2023 biyyatii irratti balaa geesiseee booda kirkirii lafaa xixiqoon kuma 4 fi 300 ta’an biyyatii keessatti galmaawaniiru. Balaa kirkira lafaa Kanaan amma ammaattii namoonii kuma 38 du’anii, kuma 100 fi kuma 10 kan ta’an immoo madaa’uun isaanii kan gaabasmee yemuu ta’u, Sirriyaa keessatti balaa walfakkaataa qaqqabeen namoonni kuma 5 fi 800 du’uu isaani tokkumaa mootumootaatti, dhaabanni dhimma gargaarsa namoomaa fi madeewwan oduu mootummaa Siriyaa beeksisaaniru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG