Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tunisiyaan Angawaan Awuroopaa Tokko Akka Biyyashee Keessaa Ba’an Ajajjee Jirti


Prezidaantiin Tuuniziyaa Kaayis Saayid, qondaalli olaanaa kan waldaa daldala Awurooppaa “dhimma keessoo” biyya keenyaa keessa seenana jechuun himatanii ,sa’aatii 24 keessatti biyyattii keessaa akka ba’an ajajanii jiru.

Barreessituun waliigalaa kan Konfedereeshinii Gamtaa daldala Awurooppaa Esther Liinch dhuma torban darbee Tuuniziyaa keessa kan turan yoo ta’u, kunis garee dhiibbaa guddaa geesisuu Gamtaa hojjattoota Waliigalaa kan biyyattii waliin ta’uun, hoggantoonni isaa pirezidaantii abbaa irree ta’aa dhufeen hidhamuu fi doorsiifamuu kana mormaniif tumsa qaban ibsuuf gamas seenan.

Lynch Sambata darbe magaalaa buufata doonii Sfax jedhamtu keessatti hiriira mormii waldaa hojjattootaan waamamee irratti, haasawa dhageesisanii jiru.

Liinch haasaa mormitoota kanaaf dhageesisaniin, hogganaan gamtichaa Anis Kaabi kan ji’a darbe humnoota nageenyaatiin to’annoo jala oole akka gadhiifaman gaafataniiru.

Waajirri Pireezidaantiin Tuuniziyaa Tiwiitara ofii irratti akka baaseetti, yeroo hiriira mormii sanatti ibsii Liinch kennan, dhimma keessoo Tuuniziyaa gidduu seenuudha jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG