Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirama Mootummaa Deemookraatawaa hin Taaneef Obsa hin Qabnu: Gamtaa Afrikaa


 yaa'ii Gamtaan Afrikaa, Finfinnee, Guraandhala 19, 2023.
yaa'ii Gamtaan Afrikaa, Finfinnee, Guraandhala 19, 2023.

Biyyoota heera qabaniin ala humna waraanaan aangoo qabataniif obsa tokko kan hinqabne ta’u kan ibsee gamtaan Afrikaa, mootummoota haala akkasiin aangoo qabatan afur miseensummaa isaanii akka rarraaseetti kan itti fufuu ta’u Dilbata kaleessaa cimsee ibsee jira.

Biyyoonni kutaa Saahel ta’an kan akka Burkina Faasoo, Giinii fi Maalii akkasumas Sudaan waggoota darban keessa fonqolcha mootummaa gaggeessaniie booda, qaama Paan Afriikaaniin, qoqqobbii irra kan kaa’ame yoo ta’u, Gamtaan Afrikaa garuu gara bulchiinsa dimokiraatawaatti akka deebi’an gargaaruuf qophii ta’uu Wiixata ibseera.

Gumiin gamyaa Afrikaa kun jijjiirraa mootummaa kan heera biyyaa faalleesuun gaggeeffamuuf obsa tokko akka hin qabne irra deebi'ee mirkaneesse jira jedhan Komishinarri Dhimma Siyaasaa, Nagaa fi Nageenyaa gamtaa Afrikaa, Bankole Adeoye.

Komishinichi biyyoonni miseensa ta'an kanneen sirna heera mootummaatti akka deebi'an deeggaruuf qophiidha, yaadni jiru dimokiraasiin hidda gadi fageeffatee guddifamuu fi eegamu qaba" jechuun ibsa gaazexeessitootaaf guyyaa xumuraa walgahii gamtaa Afrikaa dhuma torbee dabree Finfinnee keessatti gaggeeffamu irratti ibsa kennaniin dubbatan.

Itti dabaluudhaanis, Gamtaan Afrikaa mala dimokiraatawaa hin taane kamiin iyyuu aangoo siyaasaa qabamuuf, obsa akka hin ilaalamneee irra deebi'anii cimsuun barbaachisaadha, jedhan.

Gamtaan Hawaasni Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa (ECOWAS) naannichaas qoqqobbii biyyoota Saahel sadeen irratti kaa’e kabajaa akka jiru ibseera.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa Dhihaa yaa’ii Gamtaa Afrikaa cinatti walga’uun tarkaanfiiwwan fudhataman gamaaggamuun bulchiinsa siiviilii naannolee sadeen keessatti deebisuuf adeemsa jiru irratti mari’ataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG