Dippilomaatii olaantuun kan Israa’el Sambata dabree jechuun, Guraandhala 18 bara 2023 walgahii waggaa kan Gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaatti gaggeesse irraa kaafamanii jiru.
Kuni immo waldhabdeen Israa’el gamticha keessatti beekamtii kennuu ishee irratti ka’e hammeessee jira.
Suuraaleen toora interneetii irratti maxxanfaman akka agarsiisanitti, hojjettoonni nageenyaa kan gamtaa Afrikaa, sirna baniinsa walgahii kanaa irratti, osoo galma keessaa hin ba’iin dura-dhaabannaa dippilomaatii kana mudatee agarsiisanii jiru.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat akkaataa Ambaasaaddar Shaaron Bar-Liin dogoggoraan beekamtii argate qorannoon akka eegalamu miidiyaaleef ibsaniiru.
Aanga'oota Israa'el tokkollee hin afeerre, dogongorri kun eessaa akka dhufe beekuuf qorannoo ta’u kana hamma guutuu ta’uutti dhiibuuf jirra jedhan.
Garuu Israa'el haala uumamee kanaaf Afrikaa Kibbaa fi Aljeeriyaa komattee. Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibsa kenneen, itti aanaan daayreektarri Afrikaa Ambaasaaddar Shaaron Bar-Liin taajjabduu beekamtii qabduu kan baajii seensaa qabdu ta’us galma Gamtaa Afrikaa keessaa baafamuu kana cimsinee ilaalla jedheera.
Gama kaaniin Afriikaan Kibbaa iyyanni Israa’el gamtaa Afrikaa keessatti sadarkaa taajjabduu argachuuf dhiheessite, gamtichaan murtoo hin arganne jechuun himannaa kana kuffiftee jirti.
Hanga gamtaan Afrikaa Israa'eliif sadarkaa taajjabduu kennuu fi dhiisuu irratti murtee hin fudhannetti, teessee akka ilaaltu gochuu hin dandeessan jechuun aangawaan Afrikaa Kibbaa ibsanii jiru.
Forum