Magaala guddaa godina Guraagee Walqixxee keessatti ajjeechaa torban darbe poolisoota mootummaa bulchiinsa naannoo kibbaatin namoottan sadii irratti raawwate mormuudhaan jiraattonni hojii dhaabuun mormii isaanii itti fufan.
Jiraattonni magaalaa walqixxee VOAn haasofsiise, Roobii darbee jalqabee, waajiraawwan mootummaa, manoottan daldalaa bakka hedduutti waan hojjataa hin jirreef rakkoon tajaajilaa akka jiru himan.
Komishineeriin poolisii naannoo bulchiinsa kibbaa Alamaayyoo Maammoo, rakkinichaaf furmaata karaa nagaa keennuudhaaf jaarsolii biyyaa fi hoggantootaa hawaasaa wajjin marii taasisaa akka jiran VOAti himani jiru.
Akka komishineerichi dabalani jedhanitti dhimma Kanaan walqabatee namoonni sadii du’anii, sadeeti immoo erga mada’anii boodaa namoonni 15 qabanii hidhamaniiru.
Jiraattonni magaalaa walqixxee sababa hanqina bishaaniitiin kan ka’ee mormii kan taasisan yemmuu ta’u, Poolisiin naanichaa tajaajilli bishaanii beekaa akka addaan citu kan taasisan hojjattoonni mootummaa qabamuu isaanii ibsee, hiriiraa mormii sanas kan karaa irraa maqisan namoottaan gaafii Ajandaa bulchiinsaa naannummaa leelisann akka ta’e ibseeraa.
Haa ta’u malee, amma poolisoonni gara tarkaanfii humnaa fudhachuutti ce’anutti hiriirichii nagaan adeemaa akka ture kan ibsan jiraattonii magaalichaa, jechaa komishineerii poolisii naannichaa akka hin fudhanne ibsuu isaanii gabaasinni Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa erge eereera.
Forum