Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Hidhattoota Finxaaleyyiitiin Lakkoobsi Loltoota Burkina Faasoo Ajjeesamanii Dabaluun Himame


FAAYILII - Magalaa Boromoo, Onk. 19, 2021
FAAYILII - Magalaa Boromoo, Onk. 19, 2021

Haleellaa gareen Jahadistootaa warren maqaa Islaamummaatiin lolaa jiran tibbana raawwataniin lakkoofsii loltootaa biyyaatti ajjeefamanii dabaluu isaa waraanni mootummaa Burkinaa Faasoo beeksisee jira.

Dhuma torban darbee keessa gara kaaba Burkinaa Faasoo keessatti loltootaa mootummaa biyyatti irratti haleellaa riphee loltootaan raawatame kanan reenfii loltootaa ajjeefamanii 43 haaraan erga argamee booda lakkoofsi loltoota balaa sanaan du’anii 51 gahuu isaa waraanii biyyatti ibseera.

Gareen loltoota mootummaa kun kan riphee loltootaan Ukaamsame kutaa bulchiinsa biyyatti O’udaalaan jedhamu keessatti magaalotaa De’oo fi Ooriis jedhaman gidduutti akka ta’e kan ibsee odeeffannoon waraana biyyatti, wareen du’anii allatti loltoonni lakkoofsii isaanii addaan bahee hin beekamnee madaa’anii Hospiitaalaa akka seenan beeksiseeraa.

Biyyi Lixaa Afrikaatti Argamtuu Burkiina Faasoo wagoottan Torban darbaniif hokkoraa garee hidhatootaatiin jeeqamaa kan jirtu yoo ta’u, yeroo kana keessatti namoottan kumaatamaan lakkawaman du’anii, kan miiliyoonii Lama ta’an immoo jireenya isaanii irraa buqqa’anii gargaarsaa namoomaatiif saaxilamuun isaanii gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG