Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Kirkira Lafaa Haaraa Umameen Lammiileen Tarkii du’aniiru 


Lammiileen Sooriyaa Turkii irraa gara Sooriyaa qaxxaamuruudhaaf karra daangaa Cilvegozu, naannoo magaalaa Antakya, kibba baha Turkii, Fulbaana 21, 2023.
Lammiileen Sooriyaa Turkii irraa gara Sooriyaa qaxxaamuruudhaaf karra daangaa Cilvegozu, naannoo magaalaa Antakya, kibba baha Turkii, Fulbaana 21, 2023.

Tarkii keessatti balaan kirkira lafaa haaraan wixata kaleessaa muudate ergaa namoottan sadii ajjeeseee booda baraartonni lubbuu namoottan biroo barbaachuu itti fufanii jiru .

Balaa haaraa kana ilaalchisee Ministarri dhimmaa alaa Tarkii Suleeyman Sooylu ibsa kennaniin namoonii 3 du’uu isaanii fi 200 ol kan ta’anu immoo madaa’u isaanii beeksisaniiru.

Balaan kirkira lafaa torban lamaan duraa lamiiwwan Tarkii kuma 45 ta’an ergaa galaafatee boodaa Wixata kaleessaa kirkirri lafaa biraa Reskelskeelii 6.4 ta’e kutaa Tarkii Hatay, magaalaa Deefin keessatti mudachuu isaa hordofuudhaan Siriyaa, Jordaan, Lebaanoon fi Masri kessattis kirtkirri lafaa reekterskeelii 5.8ti lakkaawaman dhagahamuun isaa gabaasameeraa.

Dhaabanni oduu siiriyaa SANAn akka gabaaseetti, magaala Aleepo keessatti namoonii Jaha balaa haaraa kanaan madaawaniiru.

Haaluma walqabateen, Prezidaantiin Tarkii Resiip Xayib Erduwaan wixata kaleessa ministira dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bilinken wajjin kan walargan yemmuu ta’u, Yunaayitid Isteets gargaarsaa dabalataa dolaara Miiliyoonii 100 Tarkiidhaa fi Siiyriyaadhaa kennuun ishee ifa taasifameera.

Prezidaant Erduwaan akka jedhanitti balaa uumamaa kanaan kutaa biyyatii hedduu miidhamee HATAY keessatti ijaarsii mana jireenyaa kuma 200 ta’u ji’a dhufu keessa jalqabama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG