Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniwwan Waraanaa Chaayinaa fi Raashaa Afrikaa Kibbaa Gahan  


Shaakala waraana galaanaarraa Raashiyaa fi Chaayinaa, Gurandhala 21, 2023.
Shaakala waraana galaanaarraa Raashiyaa fi Chaayinaa, Gurandhala 21, 2023.

Dooniwwaan waraana galaanaa Chaayinaa fi Raashaa hedduun loltootaa fe’anii shaakallii waraanaa taasisuudhaaf Afrikaa kibbaatti buufachuu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Akka gaabasi kun jedhutti, Shaakallii waraana galaanaa Chaayinaan, Raashaa fi Afrikaan Kibbaa waloodhaan taasisuuf adeeman irratti kanneen hirmaatan dooniwwaan waraanaa fi loltoonii Raashaa fi Chaayinaa buufata doonii Afrikaa Kibbaa Richaardis Beey jedhamuu irra qubatanii jiru.

Yemuu weeraa Raashaan Yuukreen irratti raawwatee waggaa tokkoof itti fufee jiruufi yemmuu Chaayinaan biyyaa ofiin of bulchaa jirtu Taayiwaan irratii soda guddaa uumaa jirtu kanatti shaakallii waraanaa kana biyyottan lixaa balaleeffachaa ka jiran tahus Afrikaa Kibbaa garuu shaakalichi waanuumaa Idileeti jettee jirti.

Haata’uu malee, dipiloomaatoonni biyyoottan miseensa NATO fi kan Gamtaa Awurooppaa 6 kan Afrikaa Kibbaa kessatti argaman gochaa biyyootan sadanii kana balaalefachuu isaanii Rooyitrers dabalee gabaaseera.

Afrikaa Kibbaa dhimmaa Yuukreen irratti gareen kan hin qabanne yemuu ta’u, dhaabataa mootumootaa gamtoomanii irratti Raashaa balaaleffachuudhaaf sagalee waggaa darbe kenname irratti ituu sagalee hin kennin hafuun ishee ni beekama.

haalaa wagga tokkoffaa Raashaan Yuukreeniin Weerarteen Guraandhala 24n wal irraa ooluun shaakallii guyyoottan kudhaaniif itti fufu taasisuun tooftaa bala qabeesaa ta’uu isaa xiinxaltoonni himuun isaanii Rooyiters gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG