Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Lammiiwwan Somaaliyaa Daangaa Ce’uun Itiyoophiyaa Seenanii Dabalaa Jira: UNHCR 

FAAYILII - Buufata namoota qeheerraa buqahanii, Hargeessaa, Fulbaana 16, 2021.
FAAYILII - Buufata namoota qeheerraa buqahanii, Hargeessaa, Fulbaana 16, 2021.

Ji’a darbe daangaa qaxxaamuranii gara bulchiinsa naannoo Somaalee godina Dolloo kan seenan lakkoobsi baqattoota Somaaliyaa 83,000 ol ga’uu isaa tajaajilli kanneen baqaa deebii kan Itiyoophiyaa(RRS) fi dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) beeksisanii jiru.

Dhaabbattonni kun lameen kaleessa walii wajjiin ta’uun ibsa kennaniin, naannolee kanneen rakkatan kanaaf qubsumni itti ijaaramu ilaalchisee mari’achuu isaanii tuqaniiru.

Dubbi himaan RRS Beqaal Nigusee RSAf akka ibsanitti sababaa hanqina qabeenyaa jiruun kanneen keessaa 2000 qofaatu gargaarsa argataa jiran.

Godina Dolloo keessatti rakkoo hatattamaa uumameef deebii kennuuf hawaasa addunnyaa, michoota keenyaaf, qaammi dhimmi ilaallatu ka biroon deggersa dabalataa akka kennan gaafanna jedhan.

Naannoo kaaba Somaaliyaa magaalaa Laas Anood keessatti loltoota Somaaliilaandii fi milishoota gosa Dulbahaantee kan Somaaliyaa gama kaabaa gidduutti torban lamaa oliif lolli geggeessamaa jira jechuu dhaan Gerbremikaa’el Gerbremedin gabaaseera.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG