Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Kirkira Lafaa Tarii Mudachuu Malu Hojjettoota Gargaarsaa Kanneen Tarkii Keessaa Yaaddessaa Jira: Angawaa Tokkummaa Mootummootaa 


Ijoollee buufata yeroo keessatti tabachaa jirtu, tarkii Kibbaa, Guraandhala 22, 2023
Ijoollee buufata yeroo keessatti tabachaa jirtu, tarkii Kibbaa, Guraandhala 22, 2023

Tarkii fi Siiriyaa gama dhiyaatti kan uumame kirkirri lafaa Reskelskeelii 6.4 hojjettoota naannolee miidhamee fi namoota kumaan laka’amaniif nyaata raabsan sodaachisuu isaa sagantaan nyaata addunyaa beeksisee jira. Hojjettoonni kun hojii isaanii nyaata raabsuu hojjechuuf ennaa yaalanitti yeroo ammaa haala qilleensaa akkaan qorru keessa konkolaataa keessa ciisanii jiru.

WFPtti daayiriktera gidd galeessa bahaa fi kaaba Afriikaa kan ta’an Koriin Flaayisher haala gargaarsa raabsuu sana erga gargaaranii booda naannoo kirirkirri lafaa sun itti uumamee gara waajjira haadhoo WFPtti kan deebi’an Dilbata dabe ture. Jaarmiyichi hojjettoota isaaf qubsuma nageenyi isaa eegamaa ta’e arguu isaaf, garuu Wixata kan mudate kirkirri lafaa cimaan gamasii akka baqatan dirqisiisuu isaa ibsaniiru.

Filaayisher akka jedhanitti hundumtuu gara konkolaataa isaaniitti deebi’an. Kirkira lafaa sanaanis manneen haaraan jiguu danda’u yaaddoo jedhu qabu. Dhugumattis sun ta’uu mala jedhan. Sababaa kanaan kan torban lama dura mudateef namoota 45,000tti hedaman kan galaafate kirkira lafaa hamaa sanaan booda kan wixata mudate kirkirri lafaa deebii yeroo hatattamaa kennuuf rakkoo jiru daran hammeessee jira.

Kirkira lafaa hamaa haraa mudateen lakkoomsi namoota du’anii saddeet ga’uu angawoonni Tarkii, Siiriyaa fi sabaa himaaleen ibsaniiru. Giddu galeessi kirkira lafaa kanaa Tarkii konyaa Hatay magaalaa Definee naannoo Siiriyaa waliin wal daangessu irratti ture. Jordan, Saayipires, Israa’el, Libaanonii fi fagaatee hanga Masriitti illee dhaga’amee jira.

Tokkummaan mootummootaa guyyoota 10 dura naannoo kirikira lafaan miidhamee fi gareen finciltoota Siiriyaa to’atanii jiran kan kaaba gama dhiyaa jiruuf deebii kennuuf akkasumas meeshaa gurguddaa ittiin ga’uuf boodatti harkifate jechuun qeeqame. Haa ta’u malee hoogganaa Siiriyaa Bashaar Alasaad waliin erga mari’atee booda karaan ittiin Tarkii irraa gara kaaba gama dhiyaatti darban lama Baab Al-Salaam fi Al-Raa’een baatilee sadan duraaf banamaniiru.

Filaayisher, gargaarsa deddeebisuuf karaan itti dabalaa akka banamu angawoota waliin dubbachuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG