Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Hidhatan Kan Somaaliilaand Loltoota Milishootaa Waliin Walitti Bu’an 


Hidhattoonni waraanaa kan hamma tokko ofiin of bulchu Somaaliiland keessaa lola dhaabinsi tolfamus kibxata kaleessaa gareelee milishaa waliin walitti bu’uu isaanii angawoonni naannoo ibsanii jiru. Miidhaan dhaqqabe garuu hin jiru jedhan

Barfa 1991 keessa Somaaliyaa irraa walaba ta’uu ishee ibsitee garuu beekkannaa sadarkaa addunyaa argattee kan hin beekne Somaaliilaand, naannoo jeeqamaan raafamu keessatti akka naannoo sabatiinsa qabutti ilaalamti. Haa ta’u malee erga baatilee dhiyoo as sabatiinsa dhabuun siyaasaa babal’atee, humnoota mootummaa fi milishoota magaalaa Laas Anood keessatti walitti lola ka’een yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamuu Tokkummaan Mootummootaa jalqaba baatii kanaa beeksisee jira.

Lola dhaabinsi Guraandhala 10 angawootaan labsamee ture, garuu gareen lamaanuu walii galtee sana cabsuuf walii walii isaanii himatan. Angawoonni Somaalii land kaleessa akka jedhanitti, nageenyii fi dhukaasa dhaabiinsi sun hojii irra akka hin oolle humnoonni hidhatan mooraa humnoota biyyoolessaa Somaaliyaa Laa Siinood irratti haleellaa hamaa raawwatan jedhan.

Kan Somaaliyaa keessa jiru dameen dhaabbata qindeessa gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa (OCHA)n ibsa torban darbe baaseen akka jedhetti lola dhaabinsi tolfamu iyyuu dhukaasa hamaan itti fufee jira. Namoonni 185,000 ol ta’an qe’ee irraa buqqa’uu isaanii fi qabeenyaan hanqachuu isaatiin hojjettooni gargaarsaa haala jiruuf deebii kennuu rakkataa jiraachuu ibsee jira.

Uummata kurna kumaan laka’amu Somaaliilaand keessaa qe’ee irraa kan buqqa’e yoo ta’u, 60,000 ol kanneen ta’an ka biroon immoo hookkara jalaa dheessuuf jecha gara Itiyoophiyaatti baqachuu isaanii jarmayaan baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa Jimaata darbe beeksisee jira. Angawoota biraa sababaa walitti

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG