Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Al-Shabab Moqadishootti Miseensota Nageenyaa Dabalee Namoota 10 Ajjeesan  


Milishoonni gamoo Abdiyaas keessa jiru haleeluun booda miseensonni waraana Somaaliyaa naannoo san yeroo eegan, Moqaadishoo, Guraandhala 21, 2023.
Milishoonni gamoo Abdiyaas keessa jiru haleeluun booda miseensonni waraana Somaaliyaa naannoo san yeroo eegan, Moqaadishoo, Guraandhala 21, 2023.

Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa miseensota nageenyaa afur dabalatee namoonni 10 hidhattootaan ajjeefamuu isaanii fi 7 immoo madaa’uu beeksisee jira. Haleellaan kun kan raawwatame ennaa humnoonni Al-Shabaab biilsa giddu galeessa Moqaadishoo jiru tokko weeraanitti ture. Gaee finxaaleyyii kana keessaa 4 ajjeefamuun illee ibsamee jira.

Humnoonni naga eegumsa Somaaliyaa biilsa mana jireenyaa Moqaadishoo bahaatti argamu irratti weerara sa’aatilee 7 ol fixeen hidhattoota al-Shabaabi irratti geggeessan xumuruu isaanii mootummaan Somaaliyaa beeksisee jira. Kanneen ajjeesaman keessaa 4 kan weerara sana xumuruuf gargaaran humnootii nagaa eegsisan turan. Mootummaan akka beeksisetti kanneen miidhaan irra ga’e namoota nagaa fi wareegamtoota jedhee jira. Ministrichi ibsa baaseen haleellaa sana duuba finxaaleyyiin turan afur ajjeefamaniiru. Hidhattoonni al-Shabaab mana jireenyaa miseensota humnootii deggertoota mootummaa kanneen duula waraanaa keessatti miidhamaniif kunuunisi keessatti taasisamu.
Erga baatii Hagayya darbee qabee humnoonni mootummaa Somaaliyaa loltoota naannoo sana keessa socho’an kanneen Ma’awisley jedhamuun beekamaniin deeggaramuun al-Shabab irratti duula waraanaa gaggeessaa kan turan yoo ta’u, gareen hidhattoota al-Shabaab naannoolee bal’aa naannoo giddu galeessa biyyattii keessaa ari’eera. Al-Shabab maanguddoota hawaasa naannoo fi ajajoota mootummaa federaalaa deggaran irratti haleellaa haaloo bahuu raawwachaa tureera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG