Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayidenii fi Muummichi Barreessaan NATO Gumii Biyyoota B-9 Irratti Hirmaachuuf Waarsootti Argamu 


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden yeroo hoggantoota nagaha gaafatan, Pooland, Guraandhala 22, 2023.
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden yeroo hoggantoota nagaha gaafatan, Pooland, Guraandhala 22, 2023.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi muummicha barreessaan NATO Jens Istooltenberg kan miseensota B-9 ka biyyoota sagalee qabu gumii Bunkrest Naayin jedhu irratti argamuuf roobii har’aa Waarsootto argamu. Biyyoonni kunis Bulgariyaa, Cheek Ripaablik, Istooniyaa, Hangarii, Lutaaniyaa, Latiivaa, Poolaand, Romaaniyaa fi Slovaakiyaa dha.

Gareen hagas hin beekamne kun bara 2015 keessa kaka’umsa prezidaantii Romaaniyaa Kilaaus Yoohaanisiin fi prezidaantii Poolaand Andirzeej Duudaatiin hundeeffame. Nageenya Baaltikii fi galaana gurraacha gidduu jiruu fi sabatiinsa jiru fooyyessuuf jecha kaayyoo gamtichaa deggeruuf miseensota NATO haaraa ta’an gidduu walitti dhufeenya jiru fooyyessuu irratti kan fuulleffate dha.

Ennaa waraana qabbanaa’aa biyyoota to’annaa Raashiyaa jala eega turanii booda gamtaa waraanaatti kan makamanii fi fedhii babal’achuu Mooskoo kan yeroo ammaa ilaalchisee kanneen yaaddoo qaban biyyoonni B-9 jedhaman nageenya akka qabaatan cicha Yunaayitid Isteetis qabdu irra deebi’uun mirkaneessaniiru, Baayiden.

Prezidaantichi kan Yukireeni eeguuf qabsooftuf walabummaa fi dimokraasii fi NATOn cicha jiru hirmaachuu isaa akkasumas hoggana cimaa michoonni keenya gama dhiyaan jiran agarsiisaa jiran kan tokkoomnee doorsisa nutti dhufuu malu dura dhaabbachuuf NATO cimsuu isa jedhu ilaalchisee dubbachuuf jiru jechuu dhaan dubbi himaan gumii nageenya biyoolessaa VOAf ibsaniiru. Bulgeeriyaa fi Hangarii irraa kan hafe biyyoonni miseensota B-9 Yukireenii fi deggersa waraanaa kanneen gumaachanii fi Raashaa n duubatti akka deebitu kanneen fedhani.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG