Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbootiin Konkola’tota Naannoo Amaaraa Konkolaatonni Isaanii Yeroo Waraansaa nu Jalaa Hatame Jedhan akka Deebi’uuf Gaafatan  


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, naannoo Amaaraa

Abbootin Konkola’attoota daldalaa naannoo bulchiinsa Amaaraa, godina Walloo kibbaa, mootummaan feederaalaa konkola’atota isaanii yemmuu wal-waraansaa ABUTn fudhataman jedhan akka deebisuuf gaafatani jiru.

Abbootin Konkola’attootaa magaala Kombolchaa keessa jiran, konkola’atonni isaanii eessa akka jiranii fi maal hojjachaa akka turan kan beekan tahuu VOAti himaniiru.

Hogganaan Fandii ijaarsaa fi haaromsaa dhiheenya kan hundessamee kan ta’an Dokteer Abaatee Geetahuun, erga waliigalteen nageenyaa malatteefamee as gara naannoo Tigraay deemanii konkola’attota sana arguu isaanii fi dhimicha irratti aanga’oota achi jiranuu wajjin dubbachuu isaani ibsanii, konkola’atonni dhuunfaa fi kan mootummaa 700 ta’an ABUTn fudhatamuu isaanii himaniiru.

Itti gaafatamtuun biiroo geejjibaa naannoo Tigraay aadde Almaaz Gebre Tsaadiq mootummaan naannoo Tigraay konkola’atota fudhatamanii turan deebisuu jalqabuu isaa ibsanii konkola’attonni 6000 Tigraay keessaa fudhatamanis akka naanichaatti deebi’an mootummaa feederaalaa gaafachaa jiraachuu isaanii gabaasaaleen Masfin Arraagee fi Mulugeetaa Atsibahaa Dassee fi Maqalee irra VOA dhaaf ergan ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG