Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Wallisaa Beekamaa Niipsii Haasil Ajjeese Adabame 


FAAYILII - Niipsi Haasil dorgommii Kubbaa Miilaa yeroo laalu, Ooklaandi, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 29, 2018.
FAAYILII - Niipsi Haasil dorgommii Kubbaa Miilaa yeroo laalu, Ooklaandi, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 29, 2018.

Wallisaa sirba akaakuu Raapii kan ta’ee fi moo’ataa badhaasa Giraamii Niipsi Haasil Loos Anjeles keessati bara 2019 namni ajjeesee adabbiin hidhaa waggaa 60 Roobii kaleessa itti murta’eera.

Abbaan seeraa dhaddacha muummee godina Loos Anjeles H. kileey Jaak nama ajjeechaa sanaan himatame Eriik R. Hoolder Jr. hidhaa waggaa 50 kan itti murteessan yemmuu ta’u, namoottan bakka sana turan biroo lama irratti dhukaasuudhaan waan madeesseef immoo hidhaa dabalataa waggaa 10 itti murteesaniiru.

Maqaan isaa inni dhalootaa Ermiyaas Asgedoom kan ta’e Niipsii Haasil maatiin isaa dhalatoota Eertiraa yemuu ta’an, bara 2020 ergaa lubbuun isaa darbee booda badhaasa Giraamii lama wallisaa argateedha.

Niipsin ituu lubbuudhaan jiraate ji’a Hagayyaa dhufu wagga 37ffaa dhaloota isaa kan kabaju akka ture gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG