Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Uummatni Miliyoona Shanii Ol Gargaarsa Argachuun Gabaasamee  


Aid to Tigray

Jalqaba baatii Onkolooleessaa darbee jalqabee hanga baatii keessa jirru Guraandhala 13 gidduutti yoo xiqqaate ummanni Tigraay miiliyoona 5.2 deeggarsa nyaataa argachuu isaanii dhaabnii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHA) beeksisee jira.Ochaan gabaasa haalaa jiru ilaalchisee kaleessa baasee kanaan, raabsa nyaataa marsaa haaraan Mudde 30 bara 2022 eegale 100 keessaa harka 16 dhaqqabuu isaa ibsee, kunis Guraandhala 15 kaasee namoota miiliyoona 5.4 dhaqqabuuf kan karoorfamee keessaa ta’u ibse.

Mootummaa fi michoonni waliin ta'uun Guraandhala 6 irraa jalqabee, konkolaattonni gargaarsa namoomaa fi boba'aa fe’an 4,088 ol Tigraay kan galan yoo ta'u, buufataaleen Gaazaa Mekelee keessa jiran walakkaa ol ta'an tajaajila eegaluun isaanii gabaafameera jedha gabaasni ba’e.

Gama kaaniin, bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti dhuka’an hin dhoohiin hafee dhoohuu isaan, wal qabatee namoonni sadii du’uu fi hedduun madaa’uu Ochaan ibseera.

Kunis baatii keessa jirru Guraandhala jalqaba irratti akka ture michoonni gargaarsaa kan ibsan yoo ta’u, Adiihaagaraay keessa bakka lamatti akkasumas aanaa Eegalaa keessattis kanneen biro lama dhohuun namoota hedduu madeessee sadii ajjeesuu michoonni gargaarsaa ibsan jechuun Ochaan gabaasee jira.

Ochaan, deeggarsa abbootii taayitaa ministeera ittisa biyyaa fi waajiralee bulchiinsa naannoo irraa argamu qindeessuun, lafa buqqaatonni jiran qulqulleessuu fi michoota gargaarsa namoomaa raabsan bobbaasuun hubannoo waa’ee dhukaatootaa uumuu fi deebii barbaachiisu kennuuf akka jiru hubachiise jechuun Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG