Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Sudaan Kibbaa Biyyoota Ollaa Keessa Jirtan Biyya Keessanitti Deebi’aa, Jedhu Prezidaant Kiir 


FAAYILII:- PREZIDAANTII SUDAAN KIBBAA SALVAA KIIR
FAAYILII:- PREZIDAANTII SUDAAN KIBBAA SALVAA KIIR

Baqattoonni Sudaan Kibbaa miliyoona 2 ol ta’an kanneen biyyoota ollaa keessa jiraatan gara biyya isaanti deebi’uu akka jalqaban Pireezidaantiin biyyatti Saalvaa Kiir waamicha dhiyeessaa jiru.

Mootummaan isaanii baqattoota deebi'aniif nageenya barbaachiisu kan eegsisuuf ta’u hubachiisa. Lammiileen Sudaan Kibbaa miiliyoona 2.3 ol ta’an baqatanii biyyoota ollaa kan akka Keeniyaa, Yugaandaa fi Masrii keessa jiraatu.

Prezidaant Kiir Roobii darbe magaalaa Juubaa keessatti haasawa dhageesisaniin, lammiilee kana gara biyyaatti deebisuun dhimma mootummaan ilaalcha itti kennu keessaa isa olaanaadha jedhan.

Nageenya isaanii eegsisuu qofa otoo hin taanee, kanneen iddoo isaaniiti deebi’an deebisanii qubsisuuf akkasumas gargaarsa liijastikaa michoota waliin kan qindeessan ta’u ibsa prezidaant Kiir.

Preezdaant Kiir yaada kana kan dubbatan bakka bu’oota uummata Sudaan Kibbaa keessatti baay’ina qabanii fi achuuma biyya keessatti buqqa’an waliin haasa’aa turanitti ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG