Filannoon duratti jeequmsi faffaca’ee uumamus, Naayijeeriyaan filannoo pirezidaantii fi paarlaamaa Sambata borii gaggeessuuf qophii ta’uu Komishiniin filannoo biyyatti ibsee jira. Hogganaan komishinichaa Kamisa kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin kana Mirkaneessan. Hogganaan Komishinii Filannoo Biyyoolessaa Walabni kan Naayijeeriyaa Mahmuud Yakubuu akka jedhanitti, komishinichi waan iccitiin qabamuu qaban gara kutaalee Naayijeeriyaatti erguu eegaleera.Komishiniin kun humnoota nageenyaa Naayijeeriyaa waliin ta’uun nageenya hojjettootaa fi meeshaalee filannoof eegumsa olaanaa akka argatan gochuuf hojjechaa turuu ibsaniiru.
Filannoo kana haala quubsaa ta’een akka gaggeeffamu mirkaneessuuf qophii ta’uu isaanii nuuf mirkaneessaniiru. Kunis yeroo filannootti nageenya namoota sagalee kennanii kan mirkaneessu waan ta’eef hirmaannaa filattotaaf baay’ee barbaachisaa dha jedha Yakubuun.
Gama kaaniin haala boba'aa argachuu irrattis dhaabbata Boba'aa Biyyoolessaa Naayijeeriyaa waliin mari'achuu qabna turre. Akkasumas Baankiin Giddugaleessaa Naayijeeriyaa maallaqa xiqqaa barbaachisaa ta'e kan baajata keenya irraa barbaannu kaffaltii dhiyeessitoota tajaajila murteessoo tokko tokkoof kan filannoof barbaannu akka nuuf kennu ibsee jira jedhan.
Forum