Giiftii dureen Yunaayti Isyeetis Jiil Baayiden, Jimaata har’a gara Biyya Afrikaa Bahaa taatee, Keeniyaatti kan imalan yoo ta’u, achittis xiyyeeffannoon isaanii, dubartoota humneessuu, dhimma daa’immanii fi rakkoo beelaa ammas Gaanfa Afrikaa mancaasaa jiru irratti xiyyeeffatu abdii jedhuutu jira.
Kamisa har’a, giiftii dureen Amerikaa kun, giiftii duree Naamibiyaa, Monica Geynos, fi abbaa warraa isaanii, Pirezidaantii Heej Jangob waliin laaqana kabajaa qophaa’eef irratti, sochii dimokiraasii Naamibiyaa keessaa jajatanii jiru.
Jiil Baayiden lammiilee Naamibiyaatti akka himanitti, Ameerikaa fi Naamibiyaan rakkoo wal fakkaataan isaan mudachaa jira. Kunis Jijjiirama qilleensaa irraa kaasee hanga walqixxummaa diinagdee, hanga dimokiraasii cimsuutti qormaata wal fakkaataa hedduutu nu mudata, kanaaf Walgahiin Hooggantoota Afrikaa fi Amerikaa baatii Muddee keessa Waashingitan D.C.tti kan geggeeffame, sababni isaas baay'ee barbaachisaa waan ta'eef.
Kanaaf jecha, aniis iddoo kana dhaabbachuu, dimokiraasii cimaa waliin dhaabbachuu kootti nan boona jedhan. Rakkoolee addunyaa dhibbaa ta’an hiikuuf sagaleen Afrikaa murteessaa ta’uus Jiil Baayiden dubbataniiru.
Forum