Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seeneetaroonni Amerikaa Afrikaa Kibbaa Irraa Komee Qabu 


Republic of South Africa
Republic of South Africa

Afriikaan Kibbaa waggaa tokkoffaa Raashiyaan Yukireen weerartee shaakala waraanaa waloo Raashiyaa fi Chaayinaa waliin qopheessuuf murteessuu isheetti Miseensonni mana maree U.S. tokko tokko Kamisa (Fulbaana 23) akka hin gammanne ibsaniiru, garuu walta’iinsa fayyaa biyyoota lamaan gidduu jiru hin gufachiisu jedhan.

Afrikaan kibbaa Shaakala humna galaanaa waloo guyyoota 10f Raashiyaa fi Chaayinaa waliin taasifte - kan qarqara bahaa biyya Afrikaa Kibbaa irraa fagaachaa jiruu fi Afrikaan Kibbaa akka idileetti waamte - qeeqa biyya keessaa fi sodaa shaakala kanaan hariiroo barbaachisaa michoota biyyoota dhihaa waliin qaban balaadhaaf saaxiluu danda'a jedhu belbelsee jira. Senetera paartii Rippabilikaan Liindsay Graham ibsa gaazexeessitootaaf Johaannesbarg keessatti kennaniin, biyyi shaakala akkanaa raawwattu kamiyyuu ''rakkina qabaatti'' jedhan, garuu sagantaa Karoora Hatattamaa Pirezidaantii U.S. waggoota 20f ture kan waldhaansaa fi ittisa HIV irratti xiyyeeffate xumuruun Ameerikaa miidhuu danda’a.

Wanti kun Afrikaa keessatti yoo belbeelee gara Ameerikaa dhufa" jedhan. Senetarri paartii Dimookiraatotaa Kiriis Kuuns walgahii Kibxata Guraandhala 22 ministeera dhimma alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor waliin shaakala waraanaa kana irratti mari’achuu isaanii akeekkachiisaniiru, garuu “yeroo keenya asitti dabarsinu daqiiqaawwan biroo hundi waa’ee sagantaa PEPFAR” ta’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG