Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaar Keessatti Dhukkubii Busaa Rakkoo Umee Jira


Namoota qehee irraa buqahaan buufata fayyaa keessatti, Buufata buqaatotaa Guyaah, naannoo Afaar, Caamsaa 17, 2017.
Namoota qehee irraa buqahaan buufata fayyaa keessatti, Buufata buqaatotaa Guyaah, naannoo Afaar, Caamsaa 17, 2017.

Bulchiinsa naannoon Afaar weerara dhukkuuba Busaa rakkachuu kan itti fuufte ta’uun ibsamee jira. Guraandhala 7 as, konyaalee 36 keessatti, namoonni 3600 ol qabamuu dhaabbatii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHA)n beeksIsee jira.

Waajiira eegumsa Fayyaa naannoo sanaaf hogganaa itti aanaan kan ta’an Witiikaa Nuree RSAf akka ibsanti, yoo xiqqaate aanaaleen 23 keessatti, waggoota shanan darbaniif ji’a ji’aan giddu galeessa dhibee busaan lakkoobsii namoota qabamanii mudataa ture inni ammaa caalee jira.

Yeroo ammaa saaphana siree qoroocha farra binnii busaa ta’e cuuphame kuma 900 caalaa naannoo dhukkuubii kun miidheetti raabsaa akka jiran ibsan.

Wal’ansii fayyaa Dawaaleen bu'a qabeessa ta'an kan akka Artemesiniin irratti hundaa'e qindeessuun kennamu garuu, bulchiinsa naannoo Afaar keessatti gahaa miti jechuun ibsaniiru.

Namoonni dhukkuba busaa qabaman dabaluun kun caama yeroo ammaa naannoo gammoojjii miidhaa jiru irratti kan dabalamee ta’uun ibsameera jechuun Masfiin Arraagee Gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG