Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiil Baayden Daawwannaa Biyyoota Afrikaa Lama Keessatti Gaggeessan Xumuuran


Giifii Dureen Yunaaytid Isteets Jiil Baayiden dubartoota Masaayi wajjin dhimma ongee irratti yeroo dubbatan, Kaji'aadoo, Keeniyaa, Guraandhala 26, 2023
Giifii Dureen Yunaaytid Isteets Jiil Baayiden dubartoota Masaayi wajjin dhimma ongee irratti yeroo dubbatan, Kaji'aadoo, Keeniyaa, Guraandhala 26, 2023

Giiftiin dureen Yunaaytid Isteetis Jiil Baayiden Dilbata kaleessaa hawaasa caamaan miidhaman kan Keeniyaa daawwachuun, biyyonni gaanfa Afrikaa waggoota kurnan darban keessatti haala goggiinsa hamaan waan rakkachaa jiruuf biyyoonni dureeyyiin caalaatti akka harka hiixatan waamicha dhiyeessan.

Jiil Baayiden daawwannaa biyyoota Afrikaa keessa lamaan keessatti gaggeessan kanaan, caama ammaan dura mudatee hin beeknee fi hamaa ta’e kan Keeniyaa, Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa keessatti namoota miliyoona 22 balaa beelaan sodaachisaaf saaxiluu irratti xiyyeeffannaan guddaan akka kennamu gaafachuun xumuran.

Balaa Beeleedaalee miliyoona heedduun lakkaa’amu ajjeesee fi midhaan mancaaseef, bajata gargaarsaa ramadamee keessaa Amerikaan harka caalaa maallaqaan deeggartee jirti.

Nuti qofti hin dandeenyu, Addunyaan uummata kutaa kana keessaa gargaaruuf carraaqqii ta’u keessatti akka nu waliin ta'u gochuu qabna jechuun, bakka gargaarsaa itti kennamuu fi caamaan rukutamee konyaa Kajiado, Naayiroobii kibbaa tti argamu keessatti dubbatan.

Miseensonni hawaasa Maasaii, kanneen baay'inaan horsisee bulss ta'an, kutaa Kajiado bakka jill Baaydin daawwatan keessa jiraatu.

Wanti nama dhibu Yukireen keessatti waraanni akka jiru ni beektu. Turkii keessatti balaa sochii lafaatu jira. Rakkoo wal dorgomu baay'eetu jira jechuu kooti, garuu asitti ifaadha, namoonni beela'aa jiru jedhan

Gogiinsi kun daawwannaa Jiil Baayiden Keeniyaa keessatti taasisaniif xiyyeeffannoo ijoo yoo ta’u, kunis wabii nyaataa fi qonna haala qilleensaa jijjiiramaa jiru keessatti gaggeeffamuu ilaalchisee hirmaannaa barbaachisuu hubachisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG