Xurree ittiin seenan

Breaking News

Handaara Galaana Xaaliyaanti Godaantonni Afurtamaa ol Du’un Ibsamee Jira


Erga bidiruun godaantootaa galaana cimaa keessatti cabee booda baraartoonni Kibba Xaaliyaanii qarqara galaanaa naannoo Kutro jedhamutti reeffa yeroo kaasan, Guraandhala 26, 2023.
Erga bidiruun godaantootaa galaana cimaa keessatti cabee booda baraartoonni Kibba Xaaliyaanii qarqara galaanaa naannoo Kutro jedhamutti reeffa yeroo kaasan, Guraandhala 26, 2023.

Dilbata kaleessaa ganama bidiruun namoota garmalee fetee obomboleettii galaana naannoo Xaaliyaanii Kibbaa irratti mudateen erga liqimfamtee booda daa’ima ji’oota muraasa dabalatee godaantonni 40 ol du’uu isaanii tajaajilli baraarsaa beeksiseera.

Yeroo ammaa kana namoonni 80 lubbuun kan baraaraman yoo ta'u, isaan keessaa hangi tokko erga bidiruun galaana keessatti liqiimfamtee booda, gara handaara galaanaa dhaqqabuu danda’an jechuun waardiyyaan qarqara galaanaa ibsa baaseen beeksisee.

Kana malees reeffii namoota 43 handaara galaanaa irraa argamuud ibsee jira. Bidiruun sun namoota 120 ta’an feetee kan turte yoo ta’u dhagaa handaara galaanaatti rukutamtee cabuu ishee waardiyyaan han daara galaana ibsee jira.

Abuniin kaatoliika Roomaa Poop Fraansiis,Phaaphaasii Firaansis Dilbata kaleessaa akka jedhanti, Oduun nama dhukkubsu Biyya Qulqulleettii kana irraa dhufeen, daa'imman dabalatee namoonni hedduun lubbuu ofii dhabanii jiru jedhan. Akkamitti hokkara marsaa marsaan uumamuu kana dhaabna? Jedhan.

Dhimma Israa’elii fi Faalisxinoota gidduu kan ilaaleen, jibbaa fi haaloo ba'uu caalaa mariin dursa akka qabaatu nan gaafadha, waaqayyoos nan kadhadha jedha.Kunis Falasxiinotaaf akkasumas warri Israa'eli gargaarsa hawaasa addunyaatiin daandii nagaa fi obbolummaa akka argatan jedhan pope Fraansiis.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG