Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Faransaayii Afrikaatti Imaluuf Jiru


FAAYILII -Pireezidaantii Faransaay, Imaanu’eel Maakroon, Muddee 9, Alikaantee, Ispeeyin, 2022.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon wiixata har’aa haasaa tarsiimoo haaraa biyyi isaanii Afrikaaf qabdu ifa gochuuf jiru. Afrikaatti imaluufis saganteeffatanii jiru

Dhuma Torban kanaa irra, hogganaan Faransaay kun gara Gaaboon, Angoolaa, Rippablikii Deemookraatawaa Koongoo fi Koongoo kinshaasaa tti imaluuf jiru.

Daawwannaan Maakroon Afrikaatti gaggeessuuf jiran kun, yeroo biyyonni gamas jiran hedduun miira farra Faransaay waan ibsaniif yoo ta’u, kunis biyyoota Afrikaa Dhihaa fi Kaabaa hanga tokko keessatti, mormii daandii irratti geggeeffamu waan dabalateef jecha ta’uun beekamee jira.

Faransaay walitti dhufeenyi dinagdee yeroo dheeraa Afrikaa waliin qabdus, Raashiyaa, Chaayinaa fi Turkiin gidduu seenuu isaaniin, jal’achuu eegaluu ishee argaa jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG