Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikii Deemookraatawaa Kongoo Keessatti Hokkarri Hammaatee Jira


FAAYILII - Magaala Nukaavuu, Ripaablikii Deemookraatawaa Kongoo.
FAAYILII - Magaala Nukaavuu, Ripaablikii Deemookraatawaa Kongoo.

Kan walitti bu’iinsaan raafamtu Kongoo bahaa keessatti gareen finciltootaa kannen biyya ollaa taatee Ruwaandaa waliin hidhata qaban lafa dabalataa qabachuu isaaniitiin kan ka’e lammiileen Koongoo dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii gadhisanii baqachaa jiru.

Riphxee looltonni M-23 jedhaman torban darbe humnoota mootummaa fi milishoota waliin guyyoota lamaa oliif lola erga gaggeessanii bulchiinsa Kivu kaabaa keessatti kan argamtu ganda Mushaki qabatanii booda, namoonnii nagaan haaraan gara mooraa daahannaa magaalaa guddoo bulchiinsa kanaa Gomaa keessa kan jirutti qajeelan.

Hedduun isaanii magaalaa Saakee kan Mushaki irraa gara bahaatti naannoo kiiloo meetira 15 fagaattu irraa dhufan.

Lola kana xumuruuf aanga'oonni keenya loltoota akka nuuf fidanii gaafachaa jirra kan jedhan jiraataan Saakee Aline Sumbuka, baay'ee rakkachaa jirra, kaan ijoollee isaanii dhiisanii baqatan jiru. sababiin isaas waraanni kun halkan walakkaa waan jalqabeef yeroo kanatti namoonni baqachuu itti fufanii jiru jedhan.

Lolli Koongoo gama bahaa keessaa waggoota kurnootaan lakka’amaniif kan ture yoo ta’u, gareewwan 120 ol aangoo, lafaa fi qabeenya albuudaa gatii guddaa qabuu to’achuuf falmachaa jiru. kaan immo hawaasa ofii irraa hidhattoota ittisuuf yaalaa jiran.

Gama kaaniin Helikooptarri Tokkummaa Mootummoota Koongoo bahaa keessatti dhukaasa cimaa jala galuun dhaabbatichi naannoo walitti bu’iinsaan raafamu kana keessatti balalii akka dhaabu taasiseera jechuun Tokkummaan Mootummootaa Wiixata kaleessaa ibsee ture.

Preezidaantiin Keeniyaa Hongee Hamaa Biyyatti Qabateef Labsii Balaa Umamaa Labsuu Qabu Dhiibbaa Jedhu Jala Jiru

Caama keniyaa kaaba keessatti argamee hin beeknee nudatee namoota miliyoona shan miidhe irraa ka’uun, Pireezidaantiin biyyatti Wiliyaam Ruutoo labsii balaa sadarkaa biyyoolessaa akka labsan gochuuf, dhiibbaan hammaataa jira.

Roobnii walitti aansuun marsaa 6 hin argamiin hafee sun, guutuu kutaa Sanaa keessatti beela hammeessaa jira. Ummanni Keeniyaa walakkaa ol wabii nyaataa dhabuun isa mudachaa jira.

Kanneen gogiinsaan miidhaman kun Konyaa Waajir ganda Kilkiley keessatti abdii kutannaadhaan gargaarsa eegaa jiru. Horsisee bulaan kuma hedduun daandii cinatti mooraa tolfachuun kokolaataa darbanii fi gareelee gargaarsaa irra gargaarsa gaafachaa jiru.

Angawoonni Keeniyaa akka jedhanitti, roobnii marsaa 6f walitti aansuun roobuu dhabuun beeleedalee miliyoonaan lakkaa’aman galaafatee, lammiileen Keeniyaa miliyoona 5 ol gargaarsa namoomaa akka eeggatan taasisee.

Namoota hongeen miidhaman keessaa walakkaa ol kan ta’an Keeniyaa kaaba baha koonyaalee sadii jechuun Gaariisaa, Waajir fi Mandheera keessatti argamu.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon torban darbe haalli caama mudate murteessaa ta’uu amanuun naannolee balaan kun mudateef gargaarsa dabalataa akka godhan waadaa galaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG