Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagaleen Ummataa Naayjeriyaa Keessatti Labsamaa Jira


Waajjiraala Komishinii Filannoo Biyyaalessaa Walaba (INEC) Awka, Naayijeeriyaa. Guraandhala 26, 2023.
Waajjiraala Komishinii Filannoo Biyyaalessaa Walaba (INEC) Awka, Naayijeeriyaa. Guraandhala 26, 2023.

Komishiniin Filannoo walabnii kan Naayijeeriyaa ba’ii filannoo preezdaantii Sambata darbe gaggeeffame ifatti beeksisuu eegalee jira. Garuu ba’ii lakkoofsa sagalee uummataa kan biyyooleessaa Wiixata kaleessaa argamee sana daqiiqaa muraasa booda, bakka buutonni paartilee mormanii jiran.

Filannoon dhuma torbee darbee kun, harkifannaa fi rakkoo teeknikaatiin kan guutamee yoo ta’u, filattootni kumaatamaan lakkaa’aman gaafa Dilbataa mormiif daandii irratti ba’aniiru.

Waaltaan waltaatoota guutuu biyyaa kan Abujaa Wiixata walakkaa guyyaa irratti guyyaa lammafaaf sagalee kennamee lakaa’uuf banaa ture.Yeroo kanattis,

Angawoonni komiishiina filannoo walabaa, taajjabdoota filannoo, miseensoonni paartii fi Gaazexxessonni argamaniituran.

Komishinni filannoo ba’ii sagalee kennamee isa duraa kan kutaalee Naayjeriyaa 36 keessaa kan Afuriin kaadhimamaan prezidaantummaa kan paartii All progreesive Kongrees dursaa akka jiran labse.

Kutaan kun immo kaadiimamaa gama kaaniin dorgomaniif deggersa guddaa kenna kan jedhame tureef jecha dura dhaabannaa paartileetu isa mudate

Dorgomtoonni olaanoo sadanii fi Paartii Hojjettootaa Naayijeeriyaa dabalatee lakkoofsa sagalee kana irratti gaaffii kaasanii jiru.

Abbaan qabeenyaa marsariitii oduu dhuunfaa WikkiTimes Haruna Mohammed Salisu kan himannaa malee to’annaa poolisii jala jiru dabalatee yoo xiqqaate gaazexeessitoonni fi hojjettoonni miidiyaa 14 filannoo pirezidaantii fi federaalaa Naayijeeriyaa gabaasaa osoo jiranii to’annoo jala ooluu, dararamuu ykn haleellaa irra ga’uu Koreen mirga Gaazexeessitootaaf falmu(CPJ) n wiixata kaleessaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG