Xurree ittiin seenan

Breaking News

Preezidaantiin Keeniyaa Hongee Hamaa Biyyattii Mudateef Labsii Balaa Umamaa Labsuu Qabu, Dhiibbaan Jedhu Itti Jabaataa Jira  


FAAYILII - Namoota beeladoota ongeedhan jalaa dhuman laalaa jiran, Saltoo Enee Rukaa, Keeniyaa, Sadaasa 9, 2022
FAAYILII - Namoota beeladoota ongeedhan jalaa dhuman laalaa jiran, Saltoo Enee Rukaa, Keeniyaa, Sadaasa 9, 2022

Caama keniyaa kaaba keessatti argamee hin beeknee nudatee namoota miliyoona shan miidhe irraa ka’uun, Pireezidaantiin biyyatti Wiliyaam Ruutoo labsii balaa sadarkaa biyyoolessaa akka labsan gochuuf, dhiibbaan hammaataa jira.

Roobnii walitti aansuun marsaa 6 hin argamiin hafee sun, guutuu kutaa Sanaa keessatti beela hammeessaa jira. Ummanni Keeniyaa walakkaa ol wabii nyaataa dhabuun isa mudachaa jira.

Kanneen gogiinsaan miidhaman kun Konyaa Waajir ganda Kilkiley keessatti abdii kutannaadhaan gargaarsa eegaa jiru. Horsisee bulaan kuma hedduun daandii cinatti mooraa tolfachuun kokolaataa darbanii fi gareelee gargaarsaa irra gargaarsa gaafachaa jiru.

Angawoonni Keeniyaa akka jedhanitti, roobnii marsaa 6f walitti aansuun roobuu dhabuun beeleedalee miliyoonaan lakkaa’aman galaafatee, lammiileen Keeniyaa miliyoona 5 ol gargaarsa namoomaa akka eeggatan taasisee.

Namoota hongeen miidhaman keessaa walakkaa ol kan ta’an Keeniyaa kaaba baha koonyaalee sadii jechuun Gaariisaa, Waajir fi Mandheera keessatti argamu.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon torban darbe haalli caama mudate murteessaa ta’uu amanuun naannolee balaan kun mudateef gargaarsa dabalataa akka godhan waadaa galaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG