Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jarmayaan Fayyaa Addunyaa Tigraayiif Gargaarsa Dawaa fi Meeshaalee Tajaajila Fayyaa Kenne 


FAAYILII - Hoospitaala Haydeer keessatti kutaa dhukkubsattootaa, Maqalee, Naannoo Tigraay, Ebla 21, 20222.
FAAYILII - Hoospitaala Haydeer keessatti kutaa dhukkubsattootaa, Maqalee, Naannoo Tigraay, Ebla 21, 20222.

Jaarmayaan Fayyaa Aduunyaa/WHOn Naannoo Tigraay keesaa hanqinaa qorchaa fi meeshaawwan tajaajila fayyaa hirdhisuudhaaf jechaa gargaarsaa meetriik Toonii 122 kennee jira.

Dhaabatichaatti qindeesituu deebisa balaa tasaa kan Kaaba Itiyoophiyaa Doktoor Maarjoorii Mupaandaaree gargaarsii taasifame kun meesahaalee waldhaansa tasaa, qorcha tajaajila da’umsaaf oolan, qoricha namoottan hanqinaa nyaata gahaa qabanfi gargaaru, akkasumas, qorchaawwan dhukkuboota dardarboo hin taaneef oolan akka ta’e ibsanmiiru.

Bulchiinsa naannoo Tigraayitti itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa kan ta’an Doktor Amaanu’eel Hayilee naanicha keessaatii hanqinni meeshaalee tajaajila fayyaa fi qorichaa jiraachuu isaa ibsanii gargaarsi akka cimee itti fufu gaafataniiru.

Dhaabata Mootumaata Gamtoomaaniitti Biiroon qindeessa gargaarsa namoomaa OCHAn gabaasaa torban darbe baasen, ji’oottan sadan darban keessaa Tigraay keessati namoottan Miiliyoonii 5.2f gargaarsi nyaataa taasifamuu isaa, erga waliigalteen nageenyaa taasifamee as konkolaa’toonii gargaarsa namoomaa 4,088 naanichaa seenuu isaanii akka beeksise, eeruun Mulugeetaa Atsibahaa Boorana irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG