Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Guyyaa Hundeeffama Sagantaa Nyaachisa Barattootaa Kabajate 


FAAYILII - Gamoo Gamtaa Afrikaa, Finfinnee, Amajjii 29, 2017.
FAAYILII - Gamoo Gamtaa Afrikaa, Finfinnee, Amajjii 29, 2017.

Gamtaan Afrikaa guyyaa nyaachisa barattootaa jedhu mana barumsaa keessatti kan itti jalqabame waggaa 8ffaa kabajuun, barbaachisummaa sagantaa nyaata mana barumsaa irratti iinvestii gochuu cimsee beeksisee jira.

Gamtaa Afriikaatti Komishinerri barnoota, Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqaa Piroofeesar Mohaammad Belihosinee akka tuqanitti, bara 2022tti biyyoota Afrikaa 34 keessatti barattoonni gara miiliyoona 65.9 nyaata mana barumsaa keessaa argataniiru.

Ministiriin Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa piroofeeser Birhaanuu Naggaa akka jedhanitti, biyyattii keessatti sagantaa nyaata mana barumsaatiin barattoonni miiliyoona 5.6 fayyadamoo ta’aa jiru. Lakkoofsi kun garuu Tigraay hin dabalatu jechuun tuqanii jiran. Barattoonni sagantaa nyaata mana barumsaa Finfinnee keessaatt fayyadamoo ta'aa jiran dandeettii barnoota isaaniif gumaachaa jira jechuun VOAf himaniiru.

Gama biraan, ministeera Barnootaatti itti gaafatamaan Sagantaa Nyaata Manneen Barnootaa Dawit Azzenee, raawwii sagantichaa keessatti qormaanni inni guddaan hanqina maallaqaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti nyaanni mana barumsaa keessatti kennamu bara 1994 kan jalqabame yoo ta’u, naannoolee midhaan nyaataa hin qabne irratti fuulleffachuu dhaan nyaata ho’aa yeroo tokko kan kan akka boqqolloo, irraa qophaa’e dhiyeessuu dhaan ture.

Sagantaan nyaata mana barumsaa kun kan fuuleffate barattoonni mana barumsaa akka addaan hin kunnee fi lakkoobsa ijoollee mana barumsaa dhiisanii ba’anii gad xiqqeessuu irratti kan fuuleffate.

Yaa’ii Gamtaa Afriikaa kan bara 2016 keessa ture kan Hoggantoonni Mootummoota fi mootummoonni gamtaa Afriikaan Bitootessa 1 guyyaa Nyaachisa manneen Barnootaa Afrikaa gochuun kan hundeessan jedha gabaasi Gebremikaa’el Gebremedin ka Finfinneetti argamu waajjira haadhoo gamtiaa Afriikaa irraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG