Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Duula Somaaliyaan Al-Shabaab Irratti Geggeessituuf Deggersa Meeshaa Waraanaa Dbaluu Ishee Dubbatte  


FAAYILII - Homnoota nageenyaa Somaaliyaa, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 21, 2023.
FAAYILII - Homnoota nageenyaa Somaaliyaa, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 21, 2023.

Yunaayitid Isteetis ennaa Somaaliyaan caasaa al-Qaayidaa ajjeechaa irratti bobba’ee fi addunyaa irratti isa guddicha ta’e irratti duula geggeessituun milkaa’ina argamsiisaa jiraachuun ennaa argamaa jirutti, biyyattiif deggersa waraanaa gootu dabalaa jirti.

Meeshaalee waraanaa fi rasaasni toonii 61 Kibxata kaleessaa Moqaadishoo seenuu isaa kan beeksiste Yunaayitid Isteetis, haleellaa waraanaa seena qabeessa Somaaliyaan durfamu kan finxaaleyyii al-Shabab irratti raawwatameen, baatii Hagayya irraa eegalee hawaasaalee kudhanii ol ta’an harka al-Shabaab harkaa ba’uu ibsi kun beeksisee jira.

Yunaayitid Isteetis, Kuwaataar, Turkii, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Briteen waliin ta’uu dhaan ibsa waloo kennaniin, Golli naga eegumsaa uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaa irra kaa’e kaasuu kan dandeessisu tattaaffii Somaaliyaan haala deddebii meeshaa waraanaa to’achuuf gootu kan deggeran ta’uu beeksisaniiru. Gorsaan nageenya biyyoolessaa Somaaliyaa Sheek Huseen Alii wal ga’ii Waashingten sana booda, marii baay’ee bu’a qabeessa jechuu dhaan fuula twiitera isaanii irratti barreessaniiru.

Prezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud waggaa darbe finxaaleyyii al-Shabaab kumaan laka’aman kanneen kurna tokko oleef kutaalee biyyattii hanga tokko to’achuu dhaan haleellaa suukaneessaa raawwatan irratti waraana guutuu labsuun isaanii ni yaadatama.

Pirezidaantiin Joo Baayiden murtee humnoota Ameerikaa gamasii baasuuf prezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp murteessan hambisanii boodaduubatti deebisan booda Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessatti loltoota 450tti hedaman qabdi . Yunaayitid Isteetis humnoota Somaaliyaa fi humna Gamtaa Afrikaa biyyoota hedduu irraa walitti dhufan haleellaa diroonii, basaasaa fi leenjii dhaan deeggarti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG