Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bolaa Tinuubuu Prezidaantii Naayijeeriyaa Haaraa Ta’uun Filataman 


Pirezdaantii Naayjeriyaa ta'uun ka filataman, Boolaa Tinuubuu, Abujaa, Naayjeeriyaa, Bitootessa 1, 2023.
Pirezdaantii Naayjeriyaa ta'uun ka filataman, Boolaa Tinuubuu, Abujaa, Naayjeeriyaa, Bitootessa 1, 2023.

Kaadhimamaan paartii biyya bulchu kan Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu, erga xumura torban darbee ba’iin filannoo sun paartilee mormitootaa ijoo biyyattiin falmiin irra ga’ee booda prezidaantii haaraa ta’uun filatamuun isaanii roobii har’aa ganama labsamee jira.

Kan bulchaa kutaa Laagoos duraanii turan Tinuubuun, hooggana biyya lootee seentummaa Islaamummaa biyyattii kaaba gama bahaa, haleellaa hidhattootaa, ajjeechaa fi nama ukkaamsanii butuu, wal dhibdee tikfattee fi qonnaan bultoota gidduu, dhimma maallaqaa fi hanqina boba’aa waliin biyya rakkattu hoogganuuf jiru.

Paartiin Muhaammaduu Buhaarii kana dhabamsiisuuf waadaa seenuus hojii irra oolchuu hin dandeenye jechuun mormitoonni qeeqanii jiran.

Komiishinni filannoo walabaa ka biyyattii akka jedhetti Tinuubuun sagalee miliyoona 8.79 argachuu dhaan mormituu isaanii Atiikuu Abubakar kan sagalee miliyoona 6.98 argatan dursaniiru. Dargaggoota biratti beekkamtii kan qaban Piiter Obii sagalee miliyoona 6.1 argatan.

Akka seera filannoo Naayjeeriyaatti kaadhimamaan tokko mormituu isaa caalaa sagalee argachuu dhaan injifachuu danda’a. kutaalee biyyaa 36 keessaa yoo xiqqaate sagalee sadii keessaa lama yoo argate akkasumas magaalaa galma mootummaa Abujaa keessaa dhibba irraa harka 25% yoo argate ni injifata jedha seerri kun.

Tinuubuunis kanatti milkaa’anii jiran. Gareeleen mormitootaa garuu adeemsi filannoo wal dha’e jechuu dhaan rakkoo teekinikaa hedduu kan teeknooloojii haaraatti fayyadamuu qaba jedhanii ba’ii isaa fudhatama dhabsiisuu dhaan dura taa’aan filannoo Mahammood Yakuubuu hojii akka gad dhiisan gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG